Boqonnaa 17
Nefiin doonii akka ijaaruuf in abboomame—Obboloonni isaas isaan in morman—Inni seenaa walitti dhufeenya Waaqayyo warra Israa’elii wajjin qabu irra deebi’ee isaanitti himuudhaan isaan in gorse—Nefiin humna waaqayyootiin in guutame—Obboloonni isaas akka isa hin tuqneef in dhorkman, yoo ta’uu baate isaan akka jajjaba gogaatti coolagu. Naannoo bara 592–591 Dh.K.D.
1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee nuyi adeemsa keenyaa irra deebinee gara lafa onaatti in godhanne; akkasumas nuyi yeroo sanaa kaasnee gara ba’a-biiftuutti dhihoo in adeemne. Akkasumas nuyi lafa onaa keessa rakkina baay’ee keessa darbinee akkasumas in adeemne; akkasumas durbatoonni keenyas lafa onaa keessatti ijoollee in da’an.
2 Akkasumas eebbi Gooftaas nu irratti baay’ee guddaa waan tureef, nuyi lafa onaa keessatti foon dheedhii nyaannee utuu jiraannuu, dubartoonni keenyas ijoollee isaanii haala ga’aa ta’een in hoosiisaniiru, akkasumas akkuma warra dhiiroota illee, eeyyee, jajjaboo turan; akkasumas isaan utuu hin gungumiin obsuudhaan imalawwan isaanii in jalqaban.
3 Akkasumas akkasittiin nuyi abboommonni Waaqayyoo raawwatamuu akka qaban ni argine. Akkasumas Ilmaan namootaa abboommota Waaqayyoo kan eegan yoo ta’e inni isaaniin in soora, akkasumas in jabeessas, akkasumas mala isaan waanta inni isaan abboome sana ittiin raawwatan in dhiyeessaaf; kanaafuu, inni yeroo nuyi lafa onaa keessa imalaa turretti maloota nuuf dhiyeessaa ture.
4 Akkasumas, nuyi turtii waggoota baay’eetiif, eeyyee, waggoottan saddeetiif illee lafa onaa keessa in teenye.
5 Akkasumas, nuyi sababa ija mukaa isaatiif akkasumas immoo damma moggaa isaa isa baay’eedhaaf jennee, nuyi gara biyya isa Badhaadhina jennee moggaafnee turre sanaatti in dhufne; Akkasumas immoo waantonni kun hundinuus akka nuyi hin badneef Gooftichaan qophaa’anii turan. Akkasumas nuyi galaana isa nuyi Irreyantum jennee moggaafneetti, isa hiikaan isaas, bishaanota baay’ee jedhamu sana in argine.
6 Akkasumas kun erga ta’ee booddee nuyi dunkaanota keenya qarqara galaanichaatti in dhaabanne; akkasumas nuyi rakkinoota baay’eedhaan akkasumas gidiraa baay’eedhaan yoo dhiphanne iyyuu, eeyyee, nuyi hamma baay’inaaf hunduma isaanii barreessuu hin dandeenyetti, nuyi yommuu gara qarqara galaanaa dhufnetti nuyi gar-malee gammadnee turre; akkasumas sababii baay’ina ijoota isaatiitiif, nuyi iddoo sana Badhaadhina jennee in moggaafne.
7 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, biyya Badhaatuu keessa turtii guyyoota baay’eedhaaf ergan tureen booda, sagaleen Gooftichaa gara koo dhufee, akkasis naan in jedhe: Ka’i, akkasumas gara gaaraatti ol ba’i. Akkasumas kun erga ta’ee booddee anis ka’ee akkasumas gara gaaraatti ol nan ba’e, akkasumas gara Gooftichaattis nan iyye.
8 Akkasumas kun erga ta’ee booddee Gooftaan akkas jechuun, natti in dubbate: Ani saba kee baadhee galaanota kana akkan ceesisuuf, ati akkaataa isa ani sitti agarsiisuun, ati doonii ni hojjetta.
9 Akkasumas ani akkas nan jedheeni: Gooftaa, akkaataa isa ati natti agarsiifteetti ani meeshaalee doonii sanaa hojjechuu akkan danda’uuf, ani sibiila baqfamu argachuu akkan danda’uuf eessan dhaqaa?
10 Akkasumas kun erga ta’ee booddee Gooftichi ani meeshaalee hojjechuu akkan danda’uuf, sibiila argachuuf ani eessa deemuu akkan qabu natti in hime.
11 Akkasumas, kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, abidda buufuuf buufaa, gogaawwan bineensotaa irraa nan hojjedhe; akkasumas ani meeshaa ittiin ibidda ittiin buufan argachuuf, ani buufaa ergan hojjedheen booda, ani abidda akkan argachuu danda’uufis, ani dhagoota lama walitti nan rukute.
12 Gooftaan hamma ammaatti nuyi lafa onaa keessa yommuu adeemaa turretti, ibidda baay’ee qabsiisuutti nuti hin dhamaane; sababni isaa: Ani nyaata keessan akka isin hin bilcheessineef, mi’aawwaa nan godha, inni waan jedheef;
13 Akkasumas, dabalataan ani lafa onaa keessatti ifa isiniif nan ta’a; isin abboommota koo kan eegdan yoo ta’e, akkasumas ani karicha fuul-dura keessanitti isiniif nan qopheessa; kanaafuu, isin hammuma abboommota koo egdan gara biyya ishee abdachiifamteetti in geggeeffamtu, akkasumas isin kan geggeeffamtan anaan akka ta’e isin in beektu.
14 Eeyyee, akkasumas Gooftaan dabalataan akkas jedheera: Isin biyya ishee abdachiifamte erga geessaniin booda, isin ani Gooftichi, Waaqayyoon akkan ta’e: akkasumas ani, Gooftichi, badiisa irraa akka ani isin oolche; eeyyee, biyya Yerusaalem keessaas akka ani isin baase in beektu.
15 Kanaafuu, ani, Nefiin, abboommota Gooftaa eeguudhaaf nan carraaqe, akkasumas ani akka amanamanii fi cimaniif obboloota koo amansiisuu nan yaale.
16 Akkasumas kun erga ta’ee booddee sibiila isa ani dhagaa keessaa baasee baqsee ture sana irraa ani meeshaalee nan hojjedhe.
17 Akkasumas doonii hojjechaa jiraachuu koo obboloonni koo yommuu arganitti, isaan obboleessi keenya doonii hojjechuu nan danda’a jedhee inni waan yaadeef inni gowwaadha; eeyyee, akkasumas dabalataan inni galaana guddaa kana qaxxaamuruu akka danda’u inni in yaada jechuun, ana irratti ka’uun gungumuu in jalqaban.
18 Akkasumas, akkasittiin obboloonni koo ana irratti ka’uun gungumanii turan, akkasumas isaan hojii na gargaaruuf dhama’uus hin barbaanne, sababni isaa isaan doonii hojjechuu akka ani danda’u hin amanne turan; akkasumas ani Gooftaadhaan abboomamuu koos isaan hin amanne ture.
19 Akkasumas, kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, sababii isaan garaa isaanii jabeessaniif gar-malee gaddeen ture; akkasumas amma akka ani isaanitti gadduu jalqabe yommuu arganitti, isaan hamma garaa isaanii keessatti na irratti gammadanitti, isaan akkas jechuudhaan, gammadanii turani: Nuyi doonii hojjechuu akka ati hin dandeenye in beekna, sababni isaa nuyi faraduun akka sitti hir’atee ture in beekna; kanaafuu, ati hojii guddaa akkasii kana raawwachuu hin dandeessu.
20 Akkasumas ati akkuma abbaa keenyaa, isa yaadota gowwuumaa garaa isaa keessa jiruun geggeeffamee tureeti; eeyyee, inni biyya Yerusaaleemiin keessaa geggeessee nu baaseera, akkasumas nuyi lafa onaa keessa waggoottan baay’ee kanaaf joorreerra; akkasumas dubartoonni keenya ulfa guddate waliin dadhabaniiru; akkasumas, lafa onaa keessatti ijoollee da’aniiru akkasumas isaan du’a irraas kan hafe waantota hundumaan dhiphataniiru; akkasumas isaan rakkinota kanaan dhiphaachuu isaanii mannaa Yerusaaleem keessaa utuu hin ba’iiniin dura du’uu isaaniif wayya ture.
21 Kunoo, nuyi yeroo itti silaa biyya dhaala keenyaa keessatti akkasumas qabeenyota keenyatti gammaduu dandeenyutti, eeyyee, akkasumas nuyi gammachuudhaan itti jiraachuu dandeenyutti, nuyi waggoottan baay’ee kanaaf lafa onaa keessatti dhiphanneerra.
22 Akkasumas, nuyi namoonni biyya Yerusaalemiin keessa jiraachaa turan akka isaan namoota qajeelota turan ni beekna; sababni isaa isaan akkaataa seera Museetti, seerotaa fi firdiiwwan Gooftichaa, akkasumas abboommota isaa hundumaa eeganiiru; kanaafuu, nuyi namoota qajeelota akka isaan ta’an in beekna; akkasumas abbaan keenya isaanitti in farade, akkasumas sababii nuyi dubbiiwwan isaa dhaggeeffanneef inni nu geggeesseera; eeyyee, akkasumas obboleessi keenyas akkuma isaati. Akkasumas obboloonni koo dubbii akkasiitiin gungumanii akkasumas nu irrattis ka’anii in komatani.
23 Akkasumas, kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, akkas jechuun, isaanitti nan dubbadhe: Isin abbootiin keenya warri ijoollee Israa’eliin turan, isaan dubbiiwwan Gooftichaa utuu hin dhaggeeffanne ta’ee, isaan harka warra Gibxii jalaa baafamuu ni danda’uu jettanii ni amantuu?
24 Eeyyee, inni isaaniin garbummaa jalaa akka baasuuf utuu Gooftaan Musee hin abboomne ta’ee, isin isaan garbummaa jalaa in ba’u jettanii ni yaadduu?
25 Amma isin ijoollen Israa’el garbummaa jala akka turan in beektu; akkasumas isaan hojiiwwan baachuudhaaf ulfaatoo ta’an, akka isaan baatanii turanis in beektu: kanaafuu, isin isaan garbummaa jalaa baafamuun isaanii, waanta gaarii isaaniif barbaachisu akka ture in beektu.
26 Amma isin Museen hojii guddaa sana akka hojjetuuf Gooftaadhaan abboomamee akka ture in beektu; akkasumas isin jecha isaatiin bishaanonni Galaana Diimaa asii fi achi akka hiramanii turan, akkasumas isaan lafa gogaa irras akka adeeman in beektu.
27 Garuu isin warri Gibxii warri loltoota Far’ooniin turan Galaana Diimaa keessatti akka gadi liqimfamanii turan in beektu.
28 Akkasumas immoo isin akka isaan lafa onaa keessatti mannaadhaan sooramaa turan in beektu.
29 Eeyyee, akkasumas immoo isin Museen, akkaataa humna Waaqayyoo isa isa keessa turee sanaatti dubbii isaatiin, kattaa sana rukutee, akkasumas bishaanis isa keessaa akka as ba’e, ijoolleen Israa’elis dheebuu akka ba’an in beektu.
30 Akkasumas, isaan Waaqayyoo Gooftaan isaanii, Fureen isaanii, guyyaa fuul-dura isaanii adeemuudhaan akkasumas halkan keessas ifa isaaniif kennuudhaan yoo isaan geggeesse iyyuu, akkasumas waantota namni fudhachuudhaaf barbaachisoo turan hundumaa yoo isaaniif godhe iyyuu, isaan garaa isaanii in jabeessan akkasumas sammuu isaaniis in jaamsan, akkasumas Musee akkasumas dhugaa isa ta’ee fi Waaqayyo isa jiraataadhaan mormanii in arrabsan.
31 Akkasumas, kun erga ta’ee booddee inni akkaataa dubbii isaatitti isaaniin in balleesse; akkasumas akka dubbii isaatittis isaaniin in geggeesse: akkasumas inni akkaataa dubbii isaatitti waantota hundumaa isaaniif in godhe; akkasumas dubbii isaan malee waanti hojjetame tokkoyyuu hin turre.
32 Akkasumas, isaan laga Yordaanosiin erga cee’aniin booda inni ijoollee biyyicha keessa turan ari’anii akka baasaniif, eeyyee, isaaniin faffacaasanii hamma balleessanitti jajjaboo isaan in godhe.
33 Akkasumas ammas, isin ijoolleen biyya kanaa, warri biyya ishee abdachiifamte keessa turan, warri abbootii keenyaan ari’amanii baafamanii turan, isin isaan qajeelota turan jettanii ni yaadduuree? Kunoo, ani isiniin nan jedha, Lakki.
34 Isin isaan utuu qajeelota ta’aniiru ta’ee abbootni keenya isaan caalaatti warra filataman in ta’u jettanii ni yaadduu? ani isiniin nan jedha, Lakki.
35 Kunoo, Gooftaan saba hundumaa wal-qixa ilaala; inni qajeelaa ta’e Waaqayyoon biratti jaal’atamaadha. Garuu kunoo, namoonni kun dubbii Waaqayyoo kamiin iyyuu fudhachuu didaniiru, akkasumas isaan jal’inaan bilchaatanii turan; akkasumas guutumaan dheekkamsa Waaqayyoo isaan irra tureera; akkasumas biyyi sun isaaniif akka hin mijanne Gooftaanabaareera, eeyyee, lafa sanarraa hamma badanitti abaareera, akkasumas abboota keenyaaf isa eebbiseera; inni isaan lafa sanarratti aangoo akka qabaataniif abboota keenya eebbiseera.
36 Kunoo, Gooftaan akka irra jiraataniif dachii uumeera; akkasumas inni akka ijoolleen isaa akka qabataniif uumeera.
37 Akkasumas inni biyya saba qajeelota ta’an ol kaasee, akkasumas biyyoota saboota jal’ootaa in balleessa.
38 Akkasumas inni qajeelota gara biyya isa filatamaatti in geessa, akkasumas inni jal’oota in balleessa, akkasumas sababii isaaniitiif jedhee biyyicha in abaara.
39 Teessoo isaa waan ta’eef, inni ol gubbaa waaqa irratti in bulcha, akkasumas lafti kun ejjennaa miilla isaati.
40 Akkasumas inni warra isa Waaqa isaanii godhatanii fudhatan in jaal’ata. Kunoo, inni abboota keenya jaal’ateera, akkasumas inni isaanii wajjin, eeyyee, Abrahaam, Yisiihaaq, akkasumas Yaaqoobii wajjin illee kakuu galeera; akkasumas inni kakuuwwan gale yaadateera; kanaafuu, inni biyya Gibxii keessaa isaan baaseera.
41 Akkasumas akkuma isin gootan kana illee; isaan garaa isaanii waan jabeessaniif, inni ulee isaatiin lafa onaa keessatti isaan in adabe; akkasumas Gooftaan sababii jal’ina isaanii irraa kan ka’e isaan in adabe. Inni bofa hadhaa qabu isa balali’u gidduu isaaniitti in erge; akkasumas erga isaan hiddamanii booda inni akka fayyaniif karaa isaaniif qopheessee ture; akkasumas waanti gochuun isaan irra tures ilaaluu qofa ture; akkasumas sababni karaan kun salphaa ta’uu isaatiin yookiin kan namatti hin ulfaanne ta’uu isaatiin baay’een kan badan in jiruturan.
42 Akkasumas isaan yeroodhaa gara yerootti garaa isaanii jabeessan, akkasumas isaan Musee irratti ka’anii mormuun in arrabsan, akkasumas dabalataan Waaqayyoo irratti in ka’an; haa ta’uu iyyuu malee, humna isaa isa gita hin qabneen gara biyya ishee abdachiifamtetti akka geggeeffamanii turan isin in beektu.
43 Akkasumas amma, waantota kana hundumaa booda, yeroo isaan itti jal’oota ta’an dhufeera, eeyyee, yeroo badiisaaniitti dhiyaataniiru; akkasumas guyyaa isaan itti balleeffamuuf jiran kana jedhee ani hin beeku garuu a; warra muraasa gara garbummaatti gadi fudhataman irraa kan hafe, guyyaan isaan itti badan dhufuu akka qabu dhugumaan nan beeka.
44 Kanaafuu, Gooftaanis abbaan koo gara lafa onaa deemuu akka inni qabu isa in abboome; akkasumas warri Yihuudotaa immoo lubbuu isaa balleessuuf barbaadanii turan; eeyyee, akkasumas isinis immoo lubbuu isaa balleessuuf barbaaddaniirtu; kanaafuu, isin garaa keessan keessatti ajjeeftotadha: isinis akkuma isaaniiti.
45 Isin waanta hamaa gochuudhaaf in ariifattu garuu Waaqayyo Gooftaa keessan yaadachuuf suuta in jettu. Isin ergamaa argitaniittu, akkasumas inni isinitti dubbateera; eeyyee, isin yeroodhaa gara yerootti sagalee isaa dhageessaniittu; akkasumas inni sagalee hasaasaatiinis isinitti dubbateera, isin garuu miira dubbiiwwan isaas ittiin dhagahuu dandeessan dhabdaniittu kanaafuu, inni akka sagalee bakakkaatti yommuu inni isinitti dubbatetti, kunis lafti akka waan gargar baateetti akka raafamtu godhee ture.
46 Akkasumas isin immoo humna hunda danda’aa dubbii isaatiin lafti kun akka darbitu gochuu akka inni danda’u in beektu; eeyyee, akkasumas isin inni dubbii isaatiin gaara gad busee dachaa wal-qixxaataa gochuu ni danda’a, akkasumas iddoowwan wal qixxaatanis in caccabsa. Egaa, maarree, isin maaliif garaan keessan baay’ee akka jabaatu gooturee?
47 Kunoo, sababa keessaniif lubbuun koo in dhiphatte, akkasumas garaan koo na madaa’eera; isin hamma bara baraatti akka hin gatamneef ani nan sodaadha. Kunoo, qaamni koo jabina homaayyuu hamma dhabutti ani Hafuura Waaqayyootiin guutameera.
48 Akkasumas kun erga ta’ee booddee yommuu ani dubbiiwwan kana dubadhetti isaan natti aaranii turan, akkasumas isaan galaana gad fagoo sana keessatti na darbachuu barbaadanii turan; akkasumas yommuu isaan harka isaaniin na qabuuf dhufanitti ani akkas jechuun, isaanitti nan dubbadhe: maqaa Waaqayyo isa Hundumaa Danda’uutiin, ani akka isin nan tuqneef isin nan abbooma, ani hamma foon koo gubatutti humna Waaqayyootiin waanan guutameef, eenyu illee harka isaa yoo anatti buuse akkuma jajjaba coolligee goguutti in goga; akkasumas Waaqayyo waan isa rukutuuf, inni humna Waaqayyoo duratti kan waa’ee hin baafne in ta’a.
49 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, isaan abbaa isaanii irratti ka’anii kana caalaa gungumuu akka hin qabne isaanitti nan hime; anaa wajjin hojii hojjechuufis mormuu akka isaan hin qabne isaanitti nan hime, sababni isaa ani doonii akkan hojjedhuuf Waaqayyo na abboomeera.
50 Akkasumas ani akkasin isaaniin jedhe, waantota kanneen hunda akkan hojjedhu Waaqayyoo na abboomeera yoo ta’e, ani isaan gochuu nan danda’a. Waaqayyo waantota ani gochuu danda’u hundumaa akkan hojjedhuuf na abboomeera ta’ee hojjechuu nan danda’a. Inni bishaan kanaandachii ta’i akkan jedhuuf yoo na abboome, bishaanichi dachii in ta’a; akkasumas ani yoon jedhe akkasuma in ta’a.
51 Akkasumas ammas, Gooftaan humna guddaa akkasii erga qabaatee, akkasumas ilmaan namaa gidduuttis dinqiiwwan baay’ee erga hojjetee, anis doonii akkan hojjadhuuf, inni akkamitti na abboomuu dadhabaree?
52 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, obboloota kootti waantota baay’ee nan dubbadhe, hamma isaan ana irratti ka’uu yookiis anaan falmuu hin dandeenyettis yeella’anii turan; turtii guyyoota baay’eedhaaf isaan harka isaanii ana irratti kaasuus ta’ee quba isaaniitiin na xuquuf illee ija hin jabaanne. Amma isaan ana duratti goguu yoo barbaadan malee kana gochuuf ija hin jabaanne, Hafuurri Waaqayyoo baay’ee humna-qabeessa waan tureef; akkasumas akkasittiin isaan irratti hojjetee ture.
53 Akkasumas kun erga ta’ee booddee Gooftaan akkas naan jedhe: Harka kee obboloota kee irratti deebisii diriirsi, akkasumas isaan fuul-dura keetti akka isaan hin gogneef, garuu ani isaaniin nan rom’isiisa, jedha Gooftaan, ani Gooftaa Waaqa isaanii akkan ta’e akka isaan beekaniif, akkasumas ani kana nan godha.
54 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani harka koo obboolota koo irratti nan diriirse, akkasumas isaan ana fuul-duratti utuu hin gogin in hafan; garuu Gooftichi akkuma dubbatee turetti, isaan in rom’isiise.
55 Akkasumas amma, isaan akkas jedhani: Gooftaan si wajjiniin akka jiru nuyi shakkii malee in beekna, sababni isaa inni nu rom’isiise humna Gooftaa ta’uu in beekna. Akkasumas isaan fuula koo duratti gadi kufanii na waaqeffachuuf turan ani garuu, akkas jechuudhaan: Ani obboleessa keessaniidha, eyyee, obboleessa keessan isa quxisuudha; kanaafuu, Waaqayyoon Gooftaa keessan waaqeffadhaa, akkasumas biyya isa Waaqayyo Gooftaan keessan isiniif kenne keessa bara dheeraa akka jiraattaniif, abbaa keessanii fi haadha keessaniif ulfina kennaa, jechuun isaan nan dhoorke.