Caaffata qulqullaa’aa
1 Nefii 22


Boqonnaa 22

Warri Israa’el biyya lafaa hundumaa irra in faffaca’u—Guyyoota boodaatti warri Ormoonni Israa’eloota wangeela in sooru, akkasumas in kunuunsus—Warri Israa’elootaa walitti in qabamu, akkasumas in fayyu, akkasumas warri jal’oonni akka cidiitti in gubatu—Mootummaan daabiloos in barbadaa’a, akkasumas Seexanni in hidhama. Naannoo bara 588–570 Dh.K.D.

1 Akkasumas amma kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, ergan waantota gabateewwan sibiila diimaa irratti boocamanii turan dubbiseen booda, obboloonni koo na bira in dhufan, akkasumas akkas naan in jedhan: waantonni ati dubbiste kun maal jechuudhaa? Kunoo, isaan akkaataa fooniin osoo hin taane, waantoota akka waantoota hafuuraatti, akkasumas hafuurichaatti kan raawwatamanii fi kan hubatamaniidhaa?

2 Akkasumas ani, Nefiin, akkas isaaniin nan jedhe; Kunoo isaan sagalee Hafuurichaatiin raajichatti mul’atanii turan; sababni isaa ilmaan namaatiif akkaataa fooniitti dhufuuf kan jiran, waantonni hundumtuu hafuurichaan raajotatti beeksifamanii ture.

3 Kanaafuu, waantonni ani dubbise waantota yeroo fi waantota hafuuraa wajjinis kan wal qabataniidha; sababni isaa manni Israa’el, yeroo gabaabaa yookiin yeroo dheeraa keessatti, biyya lafaa hundumaa irraa, akkasumas immoo biyyoota hundumaa gidduutti yeroo faffaca’an in ta’a.

4 Akkasumas kunoo, kan kanaan dura badanii warra Yerusaalem keessa jiraataniin hin beekamne baay’een in jiru. Eeyyee, gosoota hundumaa keessaa harki caalaan karaa irraa maqfamaniiru; akkasumas isaan gara lafoota galaanaan marfamanii argamaniitti asii fi achi faffaca’aniiru; akkasumas nuyi karaa irraa maqfmuu isaanii malee, isaan eessa akka jiran nu keessaa namni tokko iyyuu hin beeku.

5 Akkasumas isaan erga karaa irraa maqfamanii booda, warra kana booda faffaca’uuf jiran, akkasumas immoo warra yellaasifamuuf jiran hundumaa ilaalchisee, sababii isaan Qulqulluu kan Israa’el irratti garaa isaanii jabeessaniif, isaaniin ilaalchisee waantonni kun raajamanii turan; kanaafuu, isaan biyyoota hundumaa gidduutti in faffaca’u akkasumas namoota hundumaa birattis in jibbamu.

6 Haa ta’u malee, isaan erga warra Ormootaatiin kunuunfamanii booda, akkasumas Gooftichi irree isaa warra Ormootaa irratti ol kaaseera, akkasumas akka faajjiitti ol isaan in dhaaba, akkasumas isaan ijoollee isaanii kaasuu isaanii irratti in baatu, akkasumas isaan intaloota isaaniis gateettii isaanii irratti in baatu, kunoo waantonni dubbataman kun kandarbaniidha; sababni isaa isaan kun kakuuwwan Gooftaan abboota keenyaa wajjin galeedha; akkasumas guyyoota dhufan keessatti nuyi, akkasumas immoo obboloota keenya warra mana Israa’eliin ta’an hundumaaf jechuudha.

7 Akkasumas kun hundumtuu erga guutummaan mana Israa’el faffaca’anii akkasumas yeellasifamaniin booda, eeyyee, yeroo itti Waaqayyo Gooftaan biyya kana irraa, warra Ormootaa gidduudhaa illee saba jabaa tokko itti kaasu in dhufa jechuudha; akkasumas sanyiin keenyas karaa isaaniitiin in faffaca’u.

8 Akkasumas sanyiin keenya erga faffaca’anii booda Waaqayyoo Gooftaan warra Ormootaa gidduutti hojii dinqisiisaa, isa sanyii keenyaaf gatii guddaa qabu itti fufee ni hojjeta; kanaafuu, kun isaan warra Ormootaatiin guddifamuu isaanii akkasumas kaasuu isaanii fi gateettii isaanii irratti baatamuu isaanii wajjin walitti kan fakkeeffamuudha.

9 Akkasumas, kuni immoo warra Ormootaaf gatii in qabaata; akkasumas warra Ormoota qofaaf osoo hin taane garuu mana Israa’el hundumaaf in ta’a, hamma kakuuwwan Abbaan inni waaqa irraa isa gosoonni biyya lafaa hundinuu sanyii keetiin in eebbifamu, jechuun, Abraahamii wajjin gale, sana beeksisuufiidha.

10 Akkasumas, obboloota koo, inni irree isaa ija sabootaatti yoo mul’ise malee gosoonni biyya lafaa hundinuu eebbifamuu akka hin dandeenye, ani akka isin beektan nan barbaada.

11 Kanaafuu, Waaqayyoo Gooftaan kakuuwwan isaa akkasumas wangeela isaa warra mana Israa’el keessa jiraniif hamma fiduutti, irree isaa ija saboota hundumaatti mul’isuu isaa itti in fufa.

12 Kanaafuu, inni garbummaa jalaa isaaniin in baasa, akkasumas isaan biyyoota dhaala isaaniitti walii wajjin walitti in qabamu; akkasumas isaan dagatamuukeessaa, akkasumas dukkana keessaa in baafamu; akkasumas isaan Gooftaan Fayyisaa fi Furee isaanii akka ta’e, Hundumaa kan danda’u Tokkicha Israa’eliin ta’uu isaas in beeku.

13 Akkasumas dhiiga waldaa ishee guddittii fi xurooftuu, ishee guutummaaa lafaa irratti ejjituu taatee sanaan, badiin isaan hojjatan mataa ofii isaanii irratti in ta’a; sababni isaa gidduu isaaniitti lolli in ta’a, akkasumas billaan harka ofii isaanii mataadhuma isaanii irratti in kufa, akkasumas isaan dhiiga ofii isaaniitiin in machaa’u.

14 Akkasumas Yaa mana Israa’el, sabni si loluuf si irratti ka’u hundinuu, deebi’anii walii isaanii irratti in ka’u, akkasumas isaan saba Gooftichaa kiyyootti galchuuf boolla qotan keessatti isaan in kufu. Akkasumas warri Xiiyoon irratti ka’uudhaan lolan hundinuu in badu, akkasumas ejjituu ishee guddittiin sun, isheen karaawwan Gooftichaa isa qajeelaa jal’iste, eeyyee, waldaa ishee guddittiinii fi isheen xurooftuun sun, gara biyyootti gadi in deebiti akkasumas kufaatiin ishees guddaa in ta’a.

15 Kunoo, raajichi akkas jedha, yeroo itti Seexanni garaa ilmaan namootaa irratti aangooitti dhabu saffisaanin dhufa; sababni isaa guyyaan warri of-tuulan akkasumas warri waan hamaa hojjetan hundumtuu akka cidii ta’an yeroo dhiyootti in dhufa; akkasumas guyyaan isaan itti gubamanis in dhufa.

16 Sababni isaa yeroon itti guutummaan dheekkamsaa Waaqayyoo ilmaan namootaa hundumaa irratti dhangala’u dhiyootti in dhufa; sababni isaa inni akka warri jal’oonni warra qajeelota balleesssaniif hin heyyamu.

17 Kanaafuu, inni humna isaatiin warra qajeelota intiksa, hamma diinonni isaanii abiddaan badanitti illee, akkasumas guutummaan dheekamsa isaa dhufuun yoo irra jiraate iyyuu, warri qajeelonni in eegamu. Kanaafuu, warri qajeelonni sodaachuu hin qaban; sababni isaa kun abiddaan yoo ta’e iyyuu, isaan in fayyu, jedhee raajichi dubbateera.

18 Kunoo, obboloota koo, waantonni kun dafanii dhufuu akka qaban, ani isinitti nan hima; eeyyee, dhiigni, akkasumas abiddi, akkasumas hurki aaraa illee dhufuu qaba; akkasumas kunis fuula biyya lafaa kana uwwisuu qaba, akkasumas isaan Qulqulluu kan Israa’eliin irratti ka’anii garaa isaanii kan jabeessan yoo ta’e kun ilmaan namaa irratti fooniin itti in dhufa.

19 Kunoo, warri qajeelonni hin badan; sababni isaa warri Xiyooniin irratti ka’anii lolan hundumtuu yeroo isaan itti dhugumaan addaan ba’an dhufuuf jira.

20 Akkasumas dubbiiwwan Museen, isin gidduudhaa Waaqayyo Gooftaan keessan, kan akka kootii, raajii tokko isiniif in kaasa, jechuun, kan inni dubbate, hamma raawwatutti: Dhugumaan Gooftichi saba isaatiif karaa in qopheessa; isinis waantota inni isiniin jedhu hundumaa kamiin iyyuu isa dhaggeeffadhaa. Akkasumas, akkas in ta’a; warri raajii sana hin dhaggeeffanne hundinuu sabicha gidduudhaa addaan ba’anii in badu.

21 Akkasumas amma ani, Nefiin, raajichi inni Museen waa’ee isaa dubbatee ture kun Qulqulluu kan Israa’eliin, akka ta’e isinitti nan labsa; kanaafuu, inni qajeelummadhaan firdii in kenna.

22 Akkasumas, qajeelonni warra hin qaanofne waan ta’aniif, isaan sodaachuu hin qaban, Garuu inni ilmaan namootaa gidduutti ijaaramu sun mootummaa daabiloosiidha: mootummaa isa warra fooniin jiran gidduutti hundeeffameedha—

23 Yeroon waldoonni warri bu’aa argachuuf ijaaraman hundinuu, akkasumas warri foon irratti humna argachuuf ijaaraman hundinuu, akkasumas ija biyya lafaa kana duratti jaal’atamummaa argachuuf ijaaraman, akkasumas warri fedhii foon isaanii fi waantota biyya lafaa kana argachuu kan barbaadan, akkasumas cubbuu gosa hundumaa raawachuuf fedhan irratti dafee in dhufa; eeyyee, walumaa galatti, isaan warri miseensa mootummaa daabiloosiin ta’an hundinuu sodaachuu, akkasumas hollachuu, akkasumas rom’uu qabu; isaan warra biyyootti gadi bu’uu qabaniidha; isaan warra akkuma cidiitti gubachuu qabaniidha, akkasumas kun akkaataa dubbiiwwan raajichaatti.

24 Akkasumas, yeroon itti qajeelonni akkuma jabbii goorana keessaatti ol geggeeffaman, akkasumas Qulqulluu kan Israa’elis olaantumaa, aangoo, humnaa, fi ulfina guddaadhaan bulchu dafee in dhufa.

25 Akkasumas inni ijoollee isaa golee biyya lafaa arfan irra walitti in qaba; akkasumas inni hoolota isaa in lakkaa’a, akkasumas isaan isa beeku; akkasumas walitti karra tokko in ta’u, akkasumas tikseen isaaniis tokko in ta’a; akkasumas inni hoolota isaa in soora, akkasumas isaan isa keessatti dheedicha in argatu.

26 Akkasumas, sababii qajeelummaa saba isaatiif, Seexanni humna hin qabaatu; kanaafuu, inni turtii waggoota baay’eedhaaf hiikamuu hin danda’u; sababni isaa inni garaa namootaa irratti humna waan hin qabaanneef, isaan qajeelummaadhaanis waan jiraataniif, akkasumas Qulqulluu kan Israa’el in bulcha.

27 Akkasumas, ammaa kunoo, ani, Nefiin, waantonni kun hundumtuu akkaataa fooniitti dhufuu qabu isiniin nan jedha.

28 Garuu, kunoo, biyyoonni, gosoonni, afaanoonni akkasumas sabni hundinuu yoo yaada garaa isaanii kan geeddaratan ta’e Qulqulluu kan Israa’elii wajjin nagaatti in jiraatu.

29 Akkasumas, amma ani, Nefiin, xumura nan godha; sababni isaa ani waa’ee waantota kanaa kana caalaa dubbachuuf ija hin jabaadhu.

30 Kanaafuu, obboloota koo, ani waantonni gabateewwan sibiila diimaa irratti barreefamanii turan dhugaa akka isaan ta’an akka isin hubattan nan barbaada; akkasumas isaan namni abboommota Waaqayyootiif akka abboommamuu qabu dhugaa in ba’u.

31 Kanaafuu, isin anaa fi abbaan koo qofti kana akka dhugaa baane, akkasumas immoo nu akka isaan barsifnetti yaaduun hin barbaachisu. Kanaafuu, isin abboommota isaatiif yoo abboomamtan, akkasumas hamma dhumaatti jabaattanii yoo dhaabbattan, isin guyyaa isa dhumaatti in fayyitu. Akkasumas, akkasiidha. Ameen.