Boqonnaa 4
Nefiin ajaja Gooftaatiin Laabaaniin in ajjeese, akkasumas gabatee sibiila diimaa tooftaadhaan in argate—Zooraa lafa onaa keessatti maatii Lehiitti makamuu filate. Naannoo bara 600–592 Dh.K.D.
1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani akkas jechuun obboloota kootti nan dubbadhe: Kottaa gara Yerusaalemitti deebinee ol in baanaa, akkasumas abboommota Gooftaa eeguu irratti amanamoo in taanaa, sababni isaas kunoo inni waanta lafa irra jiru hundumaa caalaa jabaadha; egaa maaliif Laabaanii fi namoota shantamoota isaa, eeyyee, yookiin kuma kudhanan isaa illee caalaa maaliif humna hin taaneree?
2 Kanaafuu, kottaa ol haa deemnuu; kottaa akkuma Museetti jajjaboo taanaa; sababni isaas inni dhugumaan bishaan Galaana Diimaatti dubbatee, akkasumas isaanis asii fi achi addaan in hiramani, akkasumas abboonni keenya, lafa gogaa irra adeemanii, garbummaa keessaa ba’ani akkasumas loltoonni Fari’oon hordofanii, akkasumas bishaan Galaana Diimaa keessatti liqimfamanii ture.
3 Amma kunoo isin kun dhugaa ta’uu isaa in beektu; akkasumas immoo isin ergamaan akka isinitti dubbate ni beektu; kanaafuu isin shakkuu ni dandeessuuree? Kottaa kaanee ol in baanaa; Gooftaan akkuma abbooota keenyaa nu oolchuuf ni danda’a akkasumas akkuma warra Gibxiittis Laabaaniin balleessuu ni danda’a.
4 Amma yeroo ani dubbiiwwan kana dubbadhe isaan amma iyyuu akka aaranitti jiru akkasumas gungumuu itti fufanii turani; haa ta’u malee, isaan hamma nuti dallaa Yerusaalem ala baanutti na duukaa bu’an.
5 Akkasumas, kun halkaniin ture; akkasumas ani dallaan alatti akka isaan of dhoksan nan godhe. Akkasumas erga isaan of isaanii dhoksaniin booda, ani, Nefiin, suuta ejjechuudhaan magaalattii keessa nan seene akkasumas gara mana Laabaanitti ol nan ba’e.
6 Akkasumas, ani waantotan dursee gochuu qabu osoon hin beekin, ani Hafuuraan gaggeeffameen ture.
7 Haa ta’u malee, anis gara fuulduraattan adeeme, akkasumas gara mana Laabaanitti dhiyaachaa yommuu ani deemetti, ani nama tokkon arge, akkasumas inni wayiniidhaan machaa’ee waan tureef, inni fuula koo duratti lafatti in kufe.
8 Akkasumas, yeroo ani gara isaa dhufetti inni Laabaaniin akka ture nan bare.
9 Akkasumas, anis billaa isaan arge, akkasumas ani man’ee isaa keessaa baaseen; akkasumas qabannaan billichaa warqee qulqulluu irraa kan hojjetame ture, akkasumas akkaatan inni itti hojjetames baay’ee gaarii ture, akkasumas qarri isaa sibiila baay’ee gati-jabeessa akka ture nan arge.
10 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani Laabaaniin akkan ajjeesuuf ani Hafuuraan dirqisiifameen ture; garuu garaa koo keessatti ani akkasin jedhe: ani yeroo kamiin iyyuu gonkumaa dhiiga namaa dhangalaasee hin beeku. Akkasumas ani walitti nan gale akkasumas isa ajjeesne barbaadeen ture.
11 Akkasumas, Hafuurri ammas irra deebi’ee akkas naan jedhe: Kunoo Gooftaan harka keetti dabarsee isa kenneera. Eeyyee akkasumas immoo akka inni lubbuu koo balleessuu barbaadu ani nan beekan ture; eeyyee, akkasumas inni abboommota Gooftaas dhageeffachuu hin barbaadu; akkasumas inni qabeenya keenyas immoo fudhatee ture.
12 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Hafuurichi ammas akkas naan jedhe: Gooftaan harka keetti dabarsee waan isa kenneef, Isa ajjeesi;
13 Kunoo, Gooftaan kaayyoo isaa isa qajeelaa fiduuf jal’oota in ajjeesa. Sabni tokko hir’atee amanuu dhabuun baduu irra namni tokko baduu wayya.
14 Akkasumas amma, yeroon ani, Nefiin, dubbiiwwan kana dhaga’eetti, dubbiiwwan Gooftaan lafa onaa keessatti akkas jedhee natti dubbate nan yaadadhe: Sanyiin kee hammuma abboomoota koo eegan, isaan biyya isa abdachiifame keessatti in badhaadhu.
15 Eeyyee, akkasumas ani immoo isaan seericha yoo qabaatan malee, akka seera Museetti, abboommota Gooftaa eeguu hin danda’an jedheen yaade.
16 Akkasumas, ani immoo seerichi gabatee sibiila diimaa irratti akka bocame nan beekan ture.
17 Akkasumas ammas, ani Gooftaan akka abboommota isaatti galmeewwan sana akka ani argadhuuf—Laabaaniin harka kootti dabarsee kan kenneef sababa kanaaf ta’uu isaa nan beekan ture.
18 Kanaafuu, ani sagalee Hafuurichaatiif abboomameen, akkasumas Laabaaniin rifeensa mataa isaa qabuudhaan, akkasumas ani billaadhuma ofii isaatiin mataa isaa irraa nan kute.
19 Akkasumas, ani ergan billaadhuma isaatiin mataa isaa irra kuteen booda, ani uffata Laabaaniin fuudhadheen, akkasumas qaama ofii kootii irratti nan uffadhe; eeyyeen, waan tokko illee osoo hin hanbisin, akkasumas ani hidhannoo isaas mudhii kootti hidhadheen ture.
20 Akkasumas, ani kana ergan raawwadheen booda, ani gara mana kuusaa qabeenya Laabaanitti nan adeeme. Akkasumas ani gara mana kuusaa qabeenyaa Laabaanitti akkuman ol galeen, kunoo, ani hojjetaa Laabaan isa furtuu mana kuusaa qabeenyaa qabun arge. Akkasumas ani immoo sagalee Laabaaniin, akka inni naa wajjin gara mana kuusaa qabeenyaatti seenuuf isa nan abboome.
21 Akkasumas, inni uffata Laabaaniin akkasumas billaa isaa mudhii koottihidhachuu koo waan argeef, gooftaa isaan itti fakkaadhe.
22 Akkasumas, inni gooftaan isaa, Laabaan, halkanicha jaarsolii Yihudootaa wajjiin akka inni ture waan beekuuf, waa’ee isaanii natti dubbate.
23 Akkasumas, ani akka waanan Laabaaniin tureetti isatti nan dubbadhe.
24 Akkasumas immoo, ani bocoota gabateewwan sibiila diimaa, baattadhee gara obboloota koo angafaa, warra dallaa alatti argamaniitti, ani baadhee ba’uu akkan qabu isatti nan hime.
25 Akkasumas, inni immoo akka na duukaa bu’uuf isa nan abboome.
26 Akkasumas, inni, waan ani waa’ee obboloota waldaa itti dubbadhe itti fakkaate, akkasumas, ani dhugumaan Laabaaniin isan ajjeese sanan itti fakkaadhe ture, kanaafuu inni na duukaa in bu’e.
27 Akkasumas, inni gara obboloota koo warra dallaa ala turanii, osoo ani adeemaa jiruu, waa’ee jaarsolii Yihuudotaa yeroo baay’ee natti dubbate.
28 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Laamaan yommuu na argeetti inni gar-malee sodaatee ture, akkasumas immoo Limu’eel fi Saamiis. Akkasumas isaan Laabaaniidha jedhanii yaadanii waan turaniif; akkasumas akka waan inni na ajjeesetti, akkasumas lubbuu isaaniis immoo balleessuu barbaaduu itti fakkaatee isaan fuula koo duraa ni baqatan.
29 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani isaan duukaa bu’ee nan waame, akkasumas isaan na dhaga’an; kanaafuu isaan fuula koo duraa baqachuu ni dhiisani.
30 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, hojjetaan Laabaan obboloota koo yommuu argetti, inni raafamuu in jalqabe akkasumas na duraa baqatee akkasumas gara magaalaa Yerusaalemitti deebi’uuf ture.
31 Akkasumas amma, ani Nefiin nama dhaabbannaa guddaa qabu ta’uu kootiin, akkasumas immoo Gooftaa biraa jabina guddaa argachuudhaan, kanaafuu ani garbicha Laabaaniin qabee akkasumas akka inni hin baqanneef isa nan dhaabe.
32 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani isa waliin nan dubbadhe, inni dubbiiwwan koo yoo dhaggeeffate, dhugaa Gooftaa akka jiru, akkasumas anis akkajiraadhu, yoo inni dubbiiwwan keenya dhaggeeffachuu barbaadeef, nuti lubbuu isaa nii oolchina.
33 Akkasumas, ani inni yoo nu wajjin gara lafa onaatti gadi bu’e; sodaachuu akka inni hin qabne, akkuma keenyas nama bilisa akka inni ta’u, ani kakaadhaan dabalee itti nan dubbadhe.
34 Akkasumas, ani dabalataan akkas jedheen isatti dubbadhe: Dhugumaan Gooftaan waan kana akka raawwannuuf nu abboomeera, akkasumas nuyi jabannee abboommota Gooftaa eeguu hin qabnuuree? Kanaafuu, ati yoo gara lafa onaa gara abbaa kootiitti gadi bu’uu barbaadde ati nu wajjiniin iddoo in argatta.
35 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Zoraam dubbiiwwan ani dubbadhe kanaan in jajjabaate. Amma Zoraam maqaa hojjetaa sanaa ture; akkasumas inni gara lafa onaatti gara abbaa keenyaatti akka gad bu’u waadaa gale. Eeyyee, akkasumas inni dabalataan yeroo sanaa kaasee akka nu wajjin turus waadaa nuuf gale.
36 Amma dhimmi nuyi akka inni nu wajjin turu hawwinee turreef Yihudoonni waa’ee lafa onaatti baqachuu keenyaa akka hin beekneef sababiin isaa akka isaan nu hin hordofneef akkasumas akka nu hin balleessineefiidha.
37 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, yeroo Zoraam kakuu nuuf galetti waa’ee isaatiif sodaan keenya in dhaabbate.
38 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, nuyi gabatee sibiila diimaa fi hojjetaa Laabaaniin fudhannee akkasumas gara lafa onaa deemne, akkasumas gara dunkaana abbaa keenyaatti ni adeemne.