Boqonnaa 6
Nefiin waa’ee waantota Waaqayyoo in barreesse—Kaayyoon Nefii namootni gara Waaqa isa kan Abrahaamiin akka dhufanii fi akka fayyaniif amansiisuudha. Naannoo bara 600–592 Dh.K.D.
1 Akkasumas amma, ani Nefiin, hidda dhalootaa abboota kootii kutaa galmee kootii kana keessatti hin barreessu; galmee abbaa kootiin eegame keessatti waan barreeffameef; gabatee ani barreessaa jiru kana irratti yeroo kamiin iyyuu yoo ta’e hin barreessu; sababni isaas galmee abbaan koo eege keessatti barreeffameera. kanaafuu ani hojii kana keessatti hin barreessu.
2 Sababni isaa nuyi sanyii Yooseefiidha jechuun na ga’a.
3 Akkasumas, ani seenaa abbaa kootii of eeggannoodhaan waantota hundumaa isaa guutummaatti ibsuun koo dhimma anaaf hin qabu, Sababni isaa isaan gabateewwan kana irratti barreeffamuu hin danda’an, kanaaf ani iddoo kana irratti waa’ee waantota Waaqayyoo barreessuu waanan hawwuuf.
4 Guutummaan kaayyoo kootiis namootni gara Waaqa isa kan Abrahaam, akkasumas Waaqa isa kan Yisihaaq, akkasumas Waaqa isa kan Yaaqoobitti akka dhufaniif akkasumas akka fayyaniif amansiisuudha.
5 Kanaafuu, ani waa’ee waantota biyya lafaa gammachiisanii hin barreessu, garuu waantota Waaqayyoon akkasumas kan biyya lafaa warra hin ta’in isa gammachiisu nan barreessa.
6 Kanaafuu, isaan gabateewwan kana waantota ilmaan namaatiif gatii hin qabneen akka isaan hin guutneef, ani sanyii kootiif abboommii nan kenna.