Boqonnaa 14
Ergamaan waa’ee eebbotaa fi abaarsota warra Ormootaatti dhufanii Nefiitti in hime—Waldoota lama qofatu jira: Waldaa Hoolicha Waaqayyoo akkasumas waldaa daabiloosiitu jira—Biyyoota hundumaa keessatti Qulqulloonni Waaqayyoo waldaa ishee guddittii fi xurooftuu sanaan ari’atamaniiru—Ergamaan Yohaannis dhuma biyya lafaa ilaalchisee in barreessa. Naannoo bara 600–592 Dh.K.D.
1 Akkasumas kana booddee akkas in ta’a, Hoolichi Waaqayyoo dhagaa gufannaa isaanii sana buqqisuudhaan ofii isaa dubbii isaatiin, akkasumas immoo humnaan, akkasumas hojii isaa baay’een, isaan guyyaa sanatti yoo isa dhaggeeffatan, inni ofii isaa warra Ormootaatti in mul’isa.
2 Akkasumas isaan sanyii abbaaa keetii keessatti akka lakkaa’amaniif, Hoolicha Waaqayyoo irratti garaa isaanii yoo hin jabeessan ta’e; eeyyee, isaan warra mana Israa’eliin gidduutti in lakkaa’amu; akkasumas isaan biyyicha isa abdachiifame keessatti bara baraan saba eebbifamoo in ta’u; kanaan boodas gara garbummaatti gadi hin bu’an; akkasumas kanaan booda manni Israa’el saboota warra kaanii wajjiin walitti hin makamani.
3 Akkasumas daabiloosii fi ilmaan isaatiin, waldaa ishee guddittii fi ishee xurooftuudhaan, inni lubbuun namootaa gara si’oolitti akka gadi bu’aniif kan geessu ture, bool’i inni guddaan badiisa namootaaf qotamee ture—eeyyee, namoota balleessuuf bool’i inni guddaan qotame sun, hamma isaan raawwatanii badanitti, warruma qote sanaan in guuta, jedha Hoolichi Waaqayyoo; isa dhuma hin qabne sanaan gara si’oolitti yoo isaan gateen malee, badiisa lubbuu miti.
4 Kanaafis kunoo, kun akkaataa boojuu daabiloositti, akkasumas immoo akkaataa haqummaa Waaqayyootti, warra fuula isaa duratti jal’ina akkasumas waan xuraa’aa hojjeetan hundumaa irra jira.
5 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ergamaan sun akkas jechuun, ana Nefiitti, in dubbate: Ati yoo warri Ormoonni yaada garaa isaanii geeddaratan waan gaariin akka isaaniif ta’u argiteetta; akkasumas immoo ati mana Israa’eliin ilaalchisee kakuu Gooftaan gale in beekta; akkasumas immoo ati eenyu illee yoo yaada garaa isaa hin geeddaranne baduu akka qabu dhageesseetta.
6 Kanaafuu, warri Ormoonni Hoolicha Waaqayyoo irratti ka’uun garaa isaanii kan jabeessan yoo ta’e isaaniif wayyoo.
7 Kanaaf yeroon sun yommuu ga’utti, ani waanta guddaa fi hojii dinqisiisaa itti ilmaan namootaa gidduutti hojjedhu in dhufa; hojii isa bara baraaf ta’u, karaa tokkoon yookiin gama biraatiin—yookiin gara nagaa fi jireenya bara baraatti isaan amansiisuutti, yookiin garaa isaanii garaa jabeessuutti fi sammuu isaanii jaamsuun gara boojuutti akka isaan gadi bu’aniif, akkasumas immoo akkaataa boojuu daabiloositti, akka isaan badiisa, isa kan yeroo fi kan hafuuraattis kennaman nan godha, ani Hoolichi Waaqayyoo hojii kana akkan hojjedhu dubbadheera.
8 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ergamichi dubbiiwwan kana yommuu dubbate, inni akkas naan jedhe: Kakuuwwan Abbaan warra mana Israa’eliif gale ati nii Yaadattaa? Anis, Eeyyee, isaan nan jedhe.
9 Akkasumas kun erga ta’ee booddee inni akkas naan jedhe: Hubadhu, akkasumas waldaa ishee daabiloosiin hundoofte, ishee guddittii fi xurooftuu sana, ishee haadha xuraa’ummaa taate, kana ilaali.
10 Akkasumas inni akkas naan jedhe: Kunoo waldoota lama qofatu jira; isheen tokko waldaa Hoolicha Waaqayyoo yeroo ta’u, akkasumas isheen kan biraan immoo waldaa daabiloosiidha; kanaafuu, namni waldaa Hoolicha Waaqayyootti miseensa hin taane kam iyyuu, waldaa ishee guddittii haadha xuraa’ummaa taate sanaatti, miseensa nii ta’a; akkasumas isheen immoo ejjituu biyya lafaa hundumaati.
11 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani ilaalee akkasumas ejjituu biyya lafaa hundumaa nan arge, akkasumas isheenis bishaanota baay’ee irra teessee nan arge; akkasumas isheen biyyoota hundumaa irratti, saba hundumaa gidduutti, gosa hundumaa irratti, afaanota hundumaa irratti akkasumas namoota hundumaa irratti in moote.
12 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani ilaale, akkasumas sababa jal’inaa fi xuraa’ummaa ejjituu ishee bishaan baay’ee irra teessee sanaan, lakkoofsi waldaa ishee kan Hoolicha Waaqayyoo muraasa turte, haa ta’u malee, ani warri qulqulloota Waaqayyoo turan miseensonni waldaa Hoolichaas immoo biyya lafaa hundumaarra akka turan nan arge; akkasumas isaan sababa jal’inaa fi xuraa’ummaa ejjituu ishee guddoo ishee ani argee ture sanaatiin, olaantummaan isaan biyya lafaa irratti qaban iddoo muraasa irratti ture.
13 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani haadhi xuraa’ummaa ishee guddittiin Hoolicha Waaqayyootiin mormitee loluudhaaf biyya lafaa hundumaa irraa, biyyoota warra Ormootaa hundumaa gidduudhaas, tuuta baay’istee utuu isheen walitti qabattuu nan arge.
14 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, qulqulloota waldaa Hoolichaa warra biyya lafaa hundumaarra faca’anii turan irratti, akkasumas saba kakuu Gooftaa irratti, yommuu humni Hoolicha Waaqayyoo bu’u nan arge; akkasumas isaan qajeelummaa fi humna Waaqayyoo ulfina guddaadhaan hidhatanii turan.
15 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani dheekkamsi Waaqayyoo waldaa ishee guddittii fi xurooftuu sana irratti akka dhangala’e, kanaanis hamma lolaa fi oduuwwan lolaa saboota akkasumas gosoota hundumaa gidduu akka turan nan arge.
16 Akkasumas lolootaa fi oduuwwan lolaa biyyoota haadha xuraa’ummaa sanaan geggeeffaman hundumaa gidduutti yommuu jalqabetti, ergamichi akkas jedhee, natti in dubbate: Kunoo, dheekkamsi Waaqayyoo haadha ejjitootaa kana irra jira; akkasumas kunoo, ati waantota kana hundumaa in argita—
17 Akkasumas dheekamsi Waaqayyoo haadha ejjitoota biyya lafaa hundumaa irratti, waldaa ishee daabiloosiin hundoofte, ishee guddittii fi xuraa’ummaan guutte irratti, guyyaa inni itti irratti dhangala’u yeroo dhufutti, isa booddee, guyyaa sanatti, warra mana Israa’el ta’aniif, inni kakuuwwan isaa isa saba isaatiif galee ture fiixaan baasuuf, karaa qopheessuudhaan hojiin Abbaa in jalqaba.
18 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ergamaan sun akkas jedhee, natti in dubbate: Ilaali!
19 Akkasumas anis ilaalee akkasumas namicha tokko nan arge, akkasumas inni uffata adii uffatee ture.
20 Akkasumas ergamichi akkas naan jedhe: Kunoo ergamoota hoolichaa warra kudha lamaan keessaa isa tokko.
21 Kunoo, inni warra waantota kana irraa hafan akkasumas argee; eeyyee, akkasumas immoo waantota turan baay’ees in barreessa.
22 Akkasumas inni dabalataan waa’ee dhuma biyya lafaa in barreessa.
23 Kanaafuu, waantonni inni barreessu sirrii akkasumas dhugaadha; akkasumas kunoo isaan macaaficha isa ati utuu afaan Yihuudotaa keessaa ba’uu argite sana keessatti kan barreeffamaniidha; akkasumas yeroo isaan afaan Yihuudotaa keessaa ba’anitti, yookiin, yeroo macaafichi afaan Yihuudotaa keessaa ba’etti, waantonni barreeffamanii turanis ifaa fi qulqulluu kan ta’an, akkasumas waan hundumaa caalaa gati-jabeeyyi akkasumas hubannaa nama hundumaafis salphaa kan turaniidha.
24 Akkasumas kunoo, waantonni ergamaan Hoolichaa barreessu kun waantota baay’ee ati argite akka ta’an argiteetta; akkasumas kunoo, isa hafes ati in argita.
25 Ati garuu waantota kana booda argitu ati hin barreessitu; sababni isaas Waaqayyo Gooftaan ergamaan Hoolicha Waaqayyoo akka inni isaaniin barreessuuf abboomeera.
26 Akkasumas immoo kan biroo warra turanis, inni waantota hundumaa isaanitti argisiiseera, akkasumas isaanis isaan barreessaniiru; akkasumas isaan akkaataa dhugaa isa Hoolicha keessa jiruutiin, Gooftaan yeroo ofii isaatiitti, akka isaan gara warra mana Israa’eliitti, qulqulluu ta’anii dhufaniif chaappeeffamaniiru.
27 Akkasumas ani, Nefiin, akka dubbii ergamichaatti maqaan ergamaa Hoolichaa sun, Yohaannis akka ture dhaga’eera akkasumas dhugaas nan ba’a.
28 Akkasumas kunoo, ani, Nefiin, waantan argee fi dhaga’e keessaa waantota hafan ani akka hin barreessineef dhoorkameera; kanaafuu waantonni ani barreesse anaaf ga’aadha; akkasumas ani waantotan arge keessaa garuu kutaa muraasa qofa barreesseera.
29 Akkasumas ani waantota abbaan koo arge anis akkan arge dhugaa nan ba’a, akkasumas ergamaan Gooftichaas akkan isaaniin beeku godheera.
30 Akkasumas amma ani waa’ee isa yeroo ani hafuuraan fudhatamee turee waantota ani argee turees dubbachuu koo nan dhaaba; akkasumas waantonni ani arge hundinuu yoo hin barreeffamne ta’e iyyuu, waantonni ani barreesse dhugaadha. Akkasumas isaan kanadha. Ameen.