Caaffata qulqullaa’aa
Yaaqoob 6


Yaaqoob 6

Gooftichi guyyoota boodaatti Israa’eliin walitti in sassaaba—Biyyi lafaa ibiddaan in gubatti—Namoonni galaana ibiddaa fi dhagaa boba’aa jalaa ooluuf Kiristoosiin duukaa bu’uu qabu. Naannoo bara 544–421 Dh.K.D.

1 Akkasumas amma, kunoo, obboloota koo, ani raajii nan dubbadha jedhee akkuma ani isinitti hime, kunoo, kun raajii kooti—waantonni raajiin Zeenos waa’ee mana Israa’el ilaalchisee dubbate kan inni isaaniin muka ejersaa isa lalisaa wajjin wal-fakkeessee ture dhugumaan raawwatamuu qabu.

2 Akkasumas, guyyaa inni itti yeroo lammataaf harka isaa deebisee saba isaa oolchuuf itti kaasu, eeyyee, yeroo isa dhumaatiif illee, guyyichis isa, hojjetoonni Gooftaa iddoo dhaaba wayinii isaa kunuunsuuf fi qeexxa’uuf, humna isaatiin itti ba’anii adeemaniidha; akkasumas sana booda dhumni dafee in dhufa.

3 Akkasumas, isaan warri itti dhimmamanii iddoo dhaaba wayinii isaa keessa hojjetan akkam eebbifamoodha; akkasumas isaan warri iddoo ofii isaaniitti gatamuuf jiran akkam abaaramoodhaa! Akkasumas biyyi lafaa ibiddaan in gubatti.

4 Akkasumas, inni hiddootaa fi dameewwan isaas, mana Israa’eliin waan yaadatuuf, Waaqayyoon keenya akkam nuuf gara-laafessadhaa; akkasumas inni guyyaa guutuus harka isaa isaanitti in diriirsa; akkasumas isaanis saba boqu-jabeessaa fi saba mormaniidha; warri garaa isaanii hin jabeessine garuu mootummaa Waaqayyoo keessatti in fayyu.

5 Kanaafuu, jaal’atamoo obboloota koo, isin yaada garaa keessanii akka geddarattaniif, akkasumas kaayyoo garaa guutuudhaanis akka dhuftan, akkasumas akkuma inni isinitti maxxane Waaqayyotti akka maxxantaniif dubbiiwwan of eeggannootiin isin nan kadhadha. Akkasumas, irreen araara isaa ifa guyyaatiin gara keessanitti diriiree osoo jiruu, garaa keessan hin jabeessinaa.

6 Eeyyee, isin har’a, sagalee isaa dhageessanii, garaa keessanis hin jabeessitan yoo ta’ee; isin maaliif duutuuree?

7 Sababni isaas kunoo, isin erga guyyaa guutuu dubbii Waaqayyoo isa gaarii soorrattanii booda, isin muramtanii akkasumas ibidda keessattis akka gatamtaniif, isin ija hamaa in godhattuuree?

8 Kunoo, isin dubbiiwwan kanas in mormituuree? Isin dubbiiwwan raajotaatiinis in mormituuree; akkasumas erga baay’een isaanii waa’ee isaa dubbatanii booda, isin dubbiiwwan warra waa’ee Kiristoosiin ilaalchisee dubbataman hundumaas ni mormituuree; akkasumas dubbii Kiristoosiin isa gaarii, akkasumas humna Waaqayyoo, akkasumas kennaa Hafuura Qulqulluu, akkasumas Hafuura Qulqulluu dhaamsuuf, akkasumas karoora furamuu isa guddaa isa isiniif kaa’amee ture sanattis immoo in qoostuuree?

9 Isin waantota kana yoo gootan, humni furamuu fi du’aa ka’uu, inni Kiristoosiin keessa jiru, salphinaa fi yakka hamaadhaan fuula teessoo Waaqayyoo dura akka dhaabbattaniif akka isin fidu hin beektaniiree?

10 Akkasumas, sababa haqummaa isa ganamuu hin dandeenyeetiif, akka humna haqummaatti, isin gara galaana abiddaa fi dhagaa boba’uu, isa abiddi isaa hin dhaamnee, akkasumas galaana abiddaa fi dhagaa boba’uu isa dhiphinni isaa dhuma hin qabnee, isa aarri isaa baraa akkasumas hamma bara baraatti ol ba’u keessa deemuu qabdu.

11 Maarree egaa, jaal’atamoo obboloota koo, isin yaada garaa keessanii geeddaradhaa, akkasumas karra isa dhiphaadhaanis ol galaa, akkasumas hamma jireenya bara baraa argattanittis, karaa isa dhiphaadhaan itti fufaa.

12 Egaa warra ogeessota ta’aa; ani kana caalaas maal jechuun danda’aree?

13 Dhumarratti, hamma ani teessoo isa warra jal’oota rifannaa fi sodaa isa hamaadhaan rukutu, teessoo Waaqayyoo isa gammachiisaa duratti isin argutti, nagaa isinitti nan dhaama. Ameen.