Macaafa Yaaqoob
obboleessa Nefii
Dubbiiwwan inni obboloota isaatiif lallabe. Inni nama barsiisa Kiristoos kuffisuu barbaadu in qaanesse. Seenaa saba Nefii ilaalchisee dubbiiwwan muraasa.
Boqonnaa 1
Yaaqoob fi Yooseef namoonni Kiristoositti akka amananii fiabboommota isaas akka eeganiif amansiisuu in barbaadan—Nefiin in du’e—Warra Nefii gidduutti jal’inni in mo’ata. Naannoo bara 544–421 Dh.K.D.
1 Sababiin isaas kunoo, kun erga ta’ee booddee, yeroo Lehiin Yerusaalemiin gadi dhiisee ba’e irraa waggoonni shantamii shan darbaniiru; Kanaafuu, Nefiin ana, Yaaqoobiif gabateewwan xixiqqoo, isa waantonni kun irratti bocaman ilaalchisee inni abboommii naaf kenneera.
2 Akkasumas, waantota baay’ee gatii guddaa qaban jedhee yaade keessaa muraasa gabatee kana irratti akkan barreessu; waa’ee seenaa namoota Nefii warra jedhamanii irra gubbaa qofa yoo ta’e malee; akka ani hin tuqne iddoo gaarii akka ani kaa’us Yaaqoob anaaf abboommii naaf kenneera.
3 Sababni isaas inni seenaan saba isaa gabatee isaa isa kan biraa irratti akka bocamuu qabu, akkasumas gabatee kanas akkan eeguuu fi sanyii kootti, dhalootaa dhalootattis akkan dabarsu dubbateera.
4 Akkasumas lallabni qulqulluun, yookiin mul’anni guddaan, yookiin raajiin yoo jiraate, ani qabxiilee ijoo isaanii gabatee kana irratti akkan bocu, akkasumas hamma danda’amettis, Kiristoosiif jedhee, akkasumas saba keenyaaf jedhee isaan irratti nan barreessa.
5 Sababni isaas amantii fi yaaddoo guddaa irraa kan ka’e, waa’ee saba keenyaa fi wantoonni isaan mudatandhugumaan nutti mul’ataniiru.
6 Akkasumas immoo, nuyi mul’ata baay’ee, akkasumas hafuura raajii baay’ees qabna turre; kanaafuu, Kiristoosii fi mootummaa isaa isa dhufuu qabus nuyi beekneerra.
7 Kanaafuu, akkuma bara qorumsa yeroo ijoolleen Israa’el lafa onaa keessaa gara boqonnaa isaatti akka seenaniif, akka ilmaan Israa’el lafa onaa keessatti Waaqayyoon mufachiisuu isaaniitiin karaa kamiin iyyuu akka isaan iddoo boqonnaa sanatti hin galleef, inni dheekkamsa isaatiin akka hin kakanneef, sabni keenya gara Kiristoositti akka dhufanii figaarummaa Waaqayyoo irraa akka hirmaataniif amansiisuuf nuyi saba keenya gidduutti cimnee in hojjenne.
8 Kanaafuu, nuyi namoonni hundinuu Waaqayyoo irratti ka’anii akka hin fincille, dheekkamsaafis akka isa hin kakaafneef, garuu namoonni hundinuu Kiristoositti akka amanan, akkasumas du’a isaas akka yaadatan, akkasumas dhiphina fannifamuu isaa fannoo isaa fi salphina biyya lafaa akka baatan isaan amansiisuudhaaf gargaarsa Waaqayyoo in barbaanna; kanaafuu, ani, Yaaqoob, abboommii obboleessa koo Nefii raawwachuuf ofii koo irratti nan fudhadha.
9 Amma Nefiinis dulloomuu in jalqabe, akkasumas inni yeroo dhiyoo keessatti akka du’us in arge; kanaafuu, inni akka bara moototaatti mootii fi bulchaa saba isaa akka ta’uuf nama tokko amma in dibe.
10 Namoonni Nefii garmalee jaal’ataniiru, inni eegduu jabaa isaaniif in ta’e, isaan ittisuuf billaa Laabaaniin qabatee, akkasumas baroota isaa hundumaa nageenya isaaniif in dadhabe—
11 Kanaafuu, namoonni maqaa isaa yaadachuuf hawwii guddaa qabu turan. Akkasumas, iddoo isaa kan mo’u immoo akkaataa bulchiinsa moototaatti namootaan, Nefii isa lammaffaa, Nefii isa sadaffaa fi kan kana fakkaatan, waamamanii ture; akkasumas isaan maqaa barbaadan haa qabaatan iyyuu malee, isaan akkasitti namootaan in waamaman.
12 Akkasumas, kun erga ta’e booda Nefiin in du’e.
13 Amma namoonni warra Laamaaniin hin taane warra Nefii turan; haa ta’u malee, isaan warra Nefii, warra Yaaqoob, warra Yoseef, warra Zoraam, warra Laamaan, warra Limu’eel, fi warra Ishmaa’eelii jedhamanii waamamu turan.
14 Garuu ani, Yaaqoob, kana booda maqaawwan kanaan adda isaan hin baasu, ani garuu Laamaanoota warra namoota Nefii balleessuu barbaadan warra Nefii wajjin michoota ta’anis warra Nefii, yookiin namoota Nefii jedhee, akka bulchiinsa moototaatti nan waama.
15 Akkasumas ammas kun erga ta’ee booda, sabni Nefii bara mootummaa mootii isa lammaffaa jalatti garaa isaanii jabeessuu in jalqaban, akkasumas suuta suuta akka Daawwitiin durii, akkasumas immoo ilmi isaa Solomoon haadholii manaa fi saajjaatota baay’ee hawwuudhaan, gochoota hamoodhaan fedhii ofii isaanii guutuu in jalqaban.
16 Eeyyee, akkasumas isaan immoo warqee fi meetii baay’ee barbaaduu in jalqaban, akkasumas oftuulummaadhaan hamma tokko of tuuluu in jalqaban.
17 Kanaafuu, ani, Yaaqoob, dursee Gooftaa biraa ergama koo ergan fudhadhee booda, mana qulqullummaa keessatti akkan isaan barsiisutti dubbiiwwan kana isaaniif nan kenne.
18 Sababni isaas ani, Yaaqoobii fi obboleessi koo, Yooseef, lubootaa fi barsiisota saba kanaa akka taanuuf harka Nefiitiin dibamnee turre.
19 Akkasumas, nuyi sagalee Waaqayyoo itti dhimmuu hundumaan isaan hin barsiifnu yoo ta’e cubbuu namootaa ofii keenya irratti fudhanne, itti gaafatamummaa keenya Gooftaadhaaf ni guddifne, kanaafuu, nuyi dhiigni isaanii uffata keenya irratti akka hin dhufneef humna keenyaan in dhamaane; yoo kana ta’uu baate dhiigni isaanii uffata keenya irratti in dhufa, akkasumas nuyi guyyaa dhumaatti mudaa malee hin argamnu.