Caaffata qulqullaa’aa
Yaaqoob 4


Boqonnaa 4

Raajonni hundinuu maqaa Kiristoosiin Abbaa waaqeffataniiru—Abraam Yisaaqiin aarsaa godhee dhiyeessuun isaa Waaqayyoo fi Tokkicha ilma isa wajjin wal-fakkaata ture—Namoonni karaa Gatii kaffaltii cubbuutiin ofii isaanii Waaqayyoo wajjin of araarsuu qabu—warri Yihudoota dhagaa bu’uuraa fudhachuu in didu. Naannoo bara 544–421 Dh.K.D.

1 Amma kunoo, kun erga ta’ee booda ani, Yaaqoob, saba koo dubbiiwwan baay’eedhaan barsiisuu kootiin, (akkasumas dubbiiwwan keenya gabateewwan irratti bocuun sababii ulfaataa ta’eef, ani dubbiiwwan koo muraasa malee barreessuu hin danda’u) akkasumas nuyi waantonni gabateewwan irratti barreefamanis hafanii jiraachuu akka qaban in beekna;

2 Garuu waantota nuyi gabateewwan irratti barreessineen ala kan waan kam irratti iyyuu warra barreeffaman haqamuu fi baduu qabu; garuu nuyi dubbiiwwan muraasa gabateewwan irratti barreessuuin dandeenya, kunis ijoollee keenyaaf, akkasumas immoo obboloota keenya warra jaal’atamoof, waa’ee keenya, yookiin waa’ee abbootii isaanii beekumsa xiqqoo nii kenna—

3 Amma nuyi waanta kanatti in gammanna; akkasumas obboloonni keenya jaal’atamoon fi ijoolleen keenya garaa galateeffannaatiin akka isaan fudhatan abdachuudhaan, akkasumas waa’ee maatiiwwan isaanii warra jalqabaa gammachuudhaan utuu hin gaddinii fi hin tuffatinis, barachuudhaaf isaan irraa akka ilaalaniif, nuyi dubbiiwwan kana gabateewwan irratti bocuuf cimnee in hojjenna.

4 Sababni isaa nuyi waa’ee Kiristoos akka beeknuuf, akkasumas dhufaatii isaas waggoota dhibba baay’ee dura ulfina isaaf abdii akka qabnu akka isaan beekaniif, nuyi waantota kana in barreessina; akkasumas nuyi ofii keenya qofa utuu hin taane, garuu immoo raajonni qulqullaa’oon nu dura turan hundinuu abdii ulfina isaa qabu.

5 Kunoo, isaan Kiristoositti amananii fi maqaa isaatiin Abbaa waaqeffataniiru, akkasumas immoo nuyis maqaa isaatiin Abbaa in waaqeffanna. Akkasumas, nuyi kaayyoo kanaaf seera Musee in eegna, kunis lubbuuwwan keenya gara isaatti in akeeka; fakkeenya Waaqayyoo fi Tokkicha Ilma isaatii isa ta’e, Abrahaamis akkuma lafa onaa keessatti abboommii Waaqayyoof abboomamuu isaatiin ilma isaa Yisihaaqiin aarsaa gochuudhaan lakkaa’ameefii ture illee, akkasumas sababa kanaafis kun nuyiif qajeelummaadhaaf qulqullaa’eera.

6 Kanaafuu, nuyi raajota in qoranna, akkasumas nuyi mul’ataa fi hafuura raajii baay’ee qabna; akkasumas dhuga ba’umsoota kana hundumaa qabaachuudhaanis nuyi abdii in arganna, akkasumas amantiin keenyas kan hin raafamne in ta’a, hamma nuyi dhuguma maqaa Yesusiin mukkeen ol dheeroo, yookiin gaarreen yookiin, dambalii galaanaas abboomuu in dandeenya, isaanis nuuf in abboomamu.

7 Haa ta’u malee, nuyi waantota kana hojjechuuf humna akka qabnu karaa ayyaana isaa, akkasumas gadi of deebisuun isaa inni guddaan ilmaan namaatiif ta’uu isaa akka nuyi beeknuuf Waaqayyoo Gooftaan dadhabbii keenya nutti in agarsiisa.

8 Kunoo, hojiiwwan Gooftaa guddaa fi dinqisiisaadha. Gadi-fageenyi dhoksaawwan isaa akkam kan hin qoratamneedha; akkasumas namnis karaawwan isaa hundumaa barbaadee beekuun kan hin danda’amneefiidha. Akkasumas, yoo inni isatti mul’ate malee namni tokko illees karaawwan isaa hin beeku; kanaafuu, obbolootaa, mul’ata Waaqayyoo hin tuffatinaa.

9 Kanaafis kunoo, dandeettii humna dubbii isaatiin namni biyya lafaa irratti in dhufe, biyyi lafaas humna dubbii isaatiin uumamtee turte. Kanaafuu, Waaqayyo dubbachuu erga danda’ee biyyi lafaa in umame, akkasumas namni dubbachuuf erga uumameera ta’ee, akka fedha isaatii fi gammachuu isaatiitti, yookiin hojii harka isaa isa fuula isaa jiru irrattis egaa maaliif biyya lafaa abboomuu hin danda’uree?

10 Kanaafuu, obbolootaa, harka isaa irraa gorsa fudhachuu malee, garuu Gooftaa gorsuu hin barbaadinaa. Sababni isaa kunoo, isin ofii keessaniif inni hojii isaa hundumaa irratti ogummaadhaan, qajeelummaadhaan, akkasumas araara guddaadhaan, akkasumas firdiidhaan, akka gorsu beektu.

11 Kanaafuu, jaal’atamoo obbolootaa, isin akka humna du’aa ka’uu isa Kiristoos keessa jiruutti, akkasumas du’aa ka’uu argachuu akka dandeessaniif, akkasumas amantii qabaattanii akka firii jalqabaa Kiristoositti Waaqayyotti dhiyaachuu akka dandeessaniif, akkasumas utuu inni fooniin ofii isaa hin mul’isin abdii ulfinaa gaarii isa keessatti akka argattaniif, isin karaa gatii kaffaltii cubbuutiin Kiristoosii wajjin, Ilmaa isaa isa Tokkichatti araaramaa.

12 Akkasumas amma, kan jaal’atamtan, ani waantota kana isinitti himuu kootiif hin dinqisiifatinaa; sababni isaa beekumsa guutuu isaa argachuuf, waa’ee beekumsa du’aa ka’uu fi biyya lafaa isa dhufuuf jiruu waa’ee gatii kaffaltii cubbuu Kiristoos maalif hin dubbanneree?

13 Kunoo, obboloota koo, inni raajii dubbatu, raajii namootaaf hubatamu haa dubbatu; sababni isaa Hafuurichi dhugaa dubbata malee hin sobu. Kanaafuu, inni waa’ee waantota warra dhugumaan jiranii, akkasumas waa’ee waantota dhugaa ta’uuf jiranii dubbata; kanaafuu, waantonni kun fayyina lubbuu keenyaaf jecha, ifatti nutti mul’ataniiru. Garuu kunoo, nu qofaa keenya waa’ee waantota kana dhugaa baana miti; sababni isaa Waaqayyo dabalataan raajota warra duriittis isaaniin dubbateera.

14 Kunoo garuu, warri Yihuudotaa saba boqu-jabeessa turan; akkasumas isaan dubbiiwwan ifa ta’an tuffataniiru, akkasumas raajota ajjeesaniiru, akkasumas waantota isaan hubachuu hin dandeenyes barbaadaniiru. Kanaafuu, sababa jaamummaaan isaanii kan xiyya irra darbanii ilaaluu irraa kan dhufeenkufuun isaanii barbaachisaa ture; sababni isaas Waaqayyo iftoomina isaa isaan irraa fuudhee, akkasumas waantota isaan hubachuu hin dandeenye baay’ees isaaniif kenneera, sababni isaas isaan isa hawwaniiru. Akkasumas, waan isaan hawwaniif, Waaqayyo akka isaan ittiin gufatan godheera.

15 Akkasumas amma, ani, Yaaqoob, Hafuuraan gara raajii dubbachuutti geggeeffame; sababni isaa gufannaa warra Yihudootaatiin bu’uura nageenya isaanii isa ta’e dhagaa isa isaan irratti ijaaramuuf jiran akka isaan fudhachuu didan, ani hojiiwwan hafuurichaa isa na keessa jiruun hubadheera.

16 Garuu kunoo, dhagaan kun akkaataa caaffata qulqullaa’ootti, isa guddaa, fi isa dhumaati, akkasumas isa tokkicha bu’uura dhugaa, isa warri Yihuudotaa irratti ijaaramuu danda’an in ta’a.

17 Akkasumas ammas, jaal’atamoo koo, isaan erga dhagaa bu’uuraa kan ijaarsi kamiyyuu irratti ijaaramu sana fudhachuu erga didanii booda, isaan kun akkamitti, akka inni mataa golee isaanii ta’uudanda’uree?

18 Kunoo, jaal’atamoo obboloota koo, yoo ani, karaa kamiin iyyuu, jabina Hafuuraa koo irraa raafame; akkasumas sababan garmalee isiniif yaadda’uuf hin gufadhu ta’eef ani dhoksaa kana isiniif nan mul’isa.