Boqonnaa 3
Warri garaan isaanii qulqulluu ta’e dubbii Waaqayyoo isa gammachiisaa in fudhatu—Qajeelummaan Laamaanotaa isa kan warra Nefii in caala—Yaaqoob waa’ee halaalummaa, ejjaa, akkasumas waa’ee cubbuu hundumaa mormee in akeekkachiisa. Naannoo bara 544–421 Dh.K.D.
1 Garuu kunoo, ani, Yaaqoob, isin warra garaa qulqulluu taatanitti nan dubbadha. Yaada dhaabbataadhaan gara Waaqayyoo ilaalaa, akkasumas amantii guddaadhaan isa kadhadhaa, akkasumas inni rakkina keessan keessatti isiniin in jajjabeessa, akkasumas innis dhimma keessaniif in falma, akkasumas warra badiisa keessan barbaadan irrattis firdii gadi in erga.
2 Isin yaa warra garaa qulqulluu qabdan hundinuu, mataa keessan ol qabadhaa dubbii Waaqayyoo isa gammachiisaas fudhadhaa, akkasumas jaalala isaas nyaadhaa; sababni isaas, yaadni keessan dhaabbataa yoo ta’e, isin bara baraan in dandeessu.
3 Garuu, isin warra garaan keessan qulqulluu hin taaneef, isin warra guyyaa kanatti fuula Waaqayyo duratti xuraa’oo taataniif, wayyoo, wayyoo; sababni isaas yoo isin yaada garaa keessanii geeddarattan malee biyyichi isiniif jecha in abaarama; akkasumas warri Laamaan akka keessanitti hin xuroofne, haa ta’u malee isaan hamma dha’ichaan badaniitti abaarsa ulfaataadhan abaaramaniiru.
4 Akkasumas, isin yaada garaa keessanii yoo geeddarattan malee, Waaqayyo Gooftaan isin gidduudhaa warra qajeelota in baasa, akkasumas isaanis biyya dhaala keessanii yeroon itti qabatan dafee in dhufa.
5 Kunoo, obboloonni keessa warri Laamaan kan isin sababa xuraa’ummaa isaanii fi abaarsa gogaa isaanii irratti dhufeen isaan jibbitan isin caalaa warra qajeelotadha; sababni isaas isaan abboommii Gooftaa, isa abbaa keenyaan isaaniif kennamee ture hin irraanfanne—isaan haadha mana tokko malee, saajjatoota tokko illee hin qaban turan, akkasumas isaan gidduuttis sagaagalummaan hin raawwatamne.
6 Akkasumas amma, isaan abboommii kana eeguuf in dhama’u; kanaafuu, isaan sababa abboommii kana eeguuf dhama’aniif, Waaqayyo Gooftaan isaan hin balleessu, garuu araara qabeessa isaaniif in ta’a; akkasumas isaan guyyaa tokko saba eebbifamoo in ta’u.
7 Kunoo, abbootiin manaa isaanii haadholii manaa isaanii in jaal’atu, akkasumas haadholiin manaa isaaniis abbootii manaa isaanii in jaal’atu; akkasumas abbootiin manaa isaanii fi haadholiin manaa isaaniis ijoollee isaanii in jaal’atu; akkasumas amanuu dhabuun isaanii fi jibbiinsi isaan isiniif qaban sababii jal’ina abbootii isaaniiti; kanaafuu, isin fuula Uumaa keessanii isa guddaa duratti, isaan caalaa hammam caalturee?
8 Yaa obboloota koo, isin isaanii wajjin teessoo Waaqayyoo duratti yommuu dhiyaattanitti, isin cubbuuwwan keessaniif yoo yaada garaa geeddarattan malee gogaan isaanii kan keessan caalaa in addaata jedhee ani nan sodaadha.
9 Kanaafuu, sababii gurraacha’uu gogaa isaaniitiin, akka isin isaan irratti kaatanii kana caalaa isaan hin arrabsineef, dubbii Waaqayyoo isa ta’e, ani abboommii isiniif nan kenna; sababii xuraa’ummaa isaaniitiinis isaan irratti kaatanii isaan hin arrabsinaa; isin garuu xuraa’ummaa isa kan ofii keessanii yaadadhaa, akkasumas xuraa’ummaan isaaniis sababa abbootii isaaniitiif akka dhufe yaadadhaa.
10 Kanaafuu, fakkeenya isin fuula isaanii dura keessan irraa kan ka’e, isin garaa ijoollee keessanii akkamitti akka gaddisiiftan in yaadattu; akkasumas immoo, isin sababii xuraa’ummaa keessaniitiif, ijoollee keessan gara badiisaatti akka fiddan, akkasumas guyyaa isa dhumaattis, cubbuuwwan isaanii mataa keessan irra akka tuulaman yaadadhaa.
11 Yaa obboloota koo, dubbiiwwan koo dhaggeeffadhaa; dandeettii lubbuu keessaniis kakaasaa; isin hirriba du’aa keessaa akka dammaqxaniif ofii keessan raasaa; akkasumas isin daabiloosiif ergamoota akka hin taaneef, gara galaana ibiddaa fi dhagaa boba’u du’a isa lammaffaa sana keessatti akka hin darbatamneef dhukkubbii si’ool irraa ofii keessan hiikaa.
12 Akkasumas amma, ani, Yaaqoob, waantota baayyee namoota Nefiitti nan dubbadhe, waa’ee ejjaa fi halaalummaa raawwachuu, akkasumas cubbuu gosa hundumaa akka mormaniif isaan nan akeekkachiise: badiiwwan suukanneessaa isaan irra ga’us isaanitti nan hime.
13 Akkasumas amma sababii lakkoofsi isaanii baay’achaa dhufeef, adeemsota saba kanaa keessaa harka dhibba keessaa kutaan tokko, gabateewwan kana irratti barreeffamuu hin danda’u; garuu adeemsi isaanii baay’een, loloonni isaanii, akkasumas walitti bu’iinsonni isaanii, akkasumas bulchiinsi mootota isaanii, gabateewwan isa guddaa irratti barreeffamaniiru.
14 Gabateewwan kun gabateewwan Yaaqoob jedhamanii in waamamu, akkasumas isaan harka Nefiitiin hojjetamanii turan. Akkasumas ani dubbiiwwan kana dubbachuu nan xumura.