Boqonnaa 2
Yaaqoob jaalala badhaadhummaa, of tuulummaa, akkasumas qulqullummaa dhabuu in balaaleffata—Namoonni namoota akka isaanii gargaaruuf badhaadhina barbaaduu danda’u—Gooftaan warra Nefii keessaa namni kam iyyuu haadha manaa tokkoo ol akka hin qabaanne in abbooma—Gooftaan qulqullummaa dubartootaatti in gammada. Naannoo bara 544–421 Dh.K.D.
1 Dubbiiwwan obboleessi Nefii, Yaaqoob, du’a Nefiin booda namoota Nefiitti dubbate:
2 Amma, jaal’atamoo obboloota koo, ani Yaaqoob, akka itti gaafatamummaa Waaqayyoon jala jiruutti, hojii koo of eeggannoodhaan guddisuuf, akkasumas cubbuu keessan uffata koo irraa akkan balleessuuf, ani har’a gara mana qulqullummaatti ol ba’uun dubbii Waaqayyoo isinitti nan hima.
3 Akkasumas, hamma ammaatti hojii waamicha koo irratti akka ani cimaa ta’ee isin ofii keessanii in beektu; ani garuu hamma guyyaa har’aatti kan ture caalaa fedhii fi yaaddoon nageenya lubbuu keessaniif baay’ee natti ulfaateera.
4 Sababni isaas kunoo, hamma ammaatti, isin dubbii Gooftaa isa ani isiniif kenneef abboomamtaniittu.
5 Garuu kunoo, isin na dhaggeeffadhaa, akkasumas gargaarsa Uumaa waaqaa fi lafaa isa hundumaa danda’uun waa’ee yaada keessanii isinitti nan dubbadha, isin akkamitti cubbuu hojjechuuf dhama’uu akka jalqabdan, cubbuun kunis baay’ee xuraa’oo ta’anii akka natti mul’atan, eeyyee, akkasumas Waaqayyoo durattis xuraa’aa akka ta’an beeka.
6 Eeyyee, kun lubbuu koo in gaddisiisa, akkasumas jal’ina garaa keessanii ilaalchisee dhugaa ba’uu waanan qabuuf, kun fuula Uumaa kootii duratti akka ani yeella’ee duubatti deebi’u na godha.
7 Akkasumas immoo, miirri baay’ee keessanii gar-malee lallaafaa fi qulqullaa’aa fi salphaatti kan miidhamu ta’uunsaa Waaqayyoon kan gammachisu ta’uu haadholii manaa keessanii fi ijoollee keessan duratti waa’ee keessan ija jabina akkas guddaadhaan dubbachuun koo na gaddisiisa;
8 Akkasumas, isaanis dubbii Waaqayyoo isa gammachiisaa, eeyyee, dubbii isa lubbuu madaa’e fayyisu sana dhaga’uuf as ol ba’aniiru jedheen yaada.
9 Kanaafuu, abboommii cimaa ani Waaqayyo biraa argadheen, akka yakka keessaniitti isin ifachuuf, warra duraan madaa’an jajjabeessuu fi fayyisuu dhiisanii, madaa warra duraan madaa’anii waan guddisaniif, kun lubbuu kootti ba’aa in ta’a; akkasumas warri hin madaa’in immoo dubbii Waaqayyoo isa gammachiisaa irratti gammaduu dhiisanii lubbuun isaaniisalphaatti akka madaa’uu fi sammuu dadhabaan isaanii akka madeessuuf billaa kaa’aniiru.
10 Garuu, hojichi baay’ee guddaa ta’us, akka abboommota Waaqayyoo warra cimootti, akkasumas fuula warra garaa qulqullaa’oo duratti, akkasumas warra garaan isaanii cabe duratti, akkasumas mil’uu ija Waaqayyoo isa Hundumaa Danda’uu jalatti, jal’ina keessanii fi xuraa’ummaa keessanii nan dubbadha.
11 Kanaafuu, akka dubbii Waaqayyoo isa ifa ta’etti dhugaa isinitti himuun qaba. Kunoo, yeroo ani Gooftaa gaafadhetti, dubbiin isaa akkas jedhu gara koo in dhufe: Yaaqoob, ati bor gara mana qulqullummaatti ol ba’i, akkasumas dubbii ani saba kanaaf siif kennu labsi.
12 Akkasumas ammas, kunoo, obboloota koo, kun dubbii isa ani isinitti labsuudha, baay’een keessan biyya ishee isinii fi sanyii keessaniif abdachiifamte keessa warqee, akkasumas meetii, akkasumas albuudaa gati-jabeessa gosa hundumaa baay’ee of keessaa qabdu keessa barbaaduu jalqabdaniittu.
13 Akkasumas, harki dhiyeessii waaqayyoo haala gammachiisaa ta’een isin irra waan kaa’ameef badhaadhina baay’ee argachuu keessaniin; akkasumas sababii gariin keessan obboloota keessan caalaa waan baay’ee argattaniif of-tuulummaa garaa keessaniitiin isin ol of-qabdan, akkasumas uffata keessan isa gatii-jabeessa ta’e irraa kan ka’e boqu-jabootaa fi warra mataas irra keessa qabattan taataniittu, akkasumas isin sababii obboloota keessan kan caaltan isinitti fakkaateef isaaniin in ari’attu.
14 Akkasumas amma, yaa obboloota koo, Waaqayyo waan kanaan qajeelota isin in godha jettanii yaadduuree? Kunoo, ani lakkii isiniin nan jedha. Akkasumas, inni garuu isinitti in farada, akkasumas isinis waantota kana irratti yoo cimtan firdiin isaa dafee isinitti dhufuu qaba.
15 Yaa inni si waraanuu akka danda’u, akkasumas libsuu ija isaa tokkoon biyyootti isin rukutuu akka danda’u inni utuu isinitti argisiisee!
16 Yaa inni jal’inaa fi xuraa’ummaa kana jalaa utuu isin baasee. Akkasumas, yaa isin dubbii abboommota isaa utuu dhaggeessanii, akkasumas oftuulummaan garaa keessanii kun lubbuu keessan akka balleessuuf utuu hin heyyamtan ta’ee!
17 Obboloota keessaniif akka ofii keessaniitti yaadaa, akkasumas isaanis akkuma keessan sooressa akka ta’aniif, hundumaa wajjin walbaradhaa, akkasumas qabeenya keessaniinis bilisa ta’aa.
18 Isin garuu badhaadhina barbaaduu keessan dura, mootummaa Waaqayyoo barbaadaa.
19 Akkasumas, isin erga Kiristoosiin irraa abdii argattanii booda isin yoo isaan barbaaddan, isin badhaadhinas in argattu: akkasumas isin waan gaarii ittiin hojjechuuf isaan in barbaaddu—warra qullaa ta’an in uffistu, akkasumas warra beela’anis in nyaachistu, akkasumas warra booju jala jiranis bilisa in baaftu, warra dhukkubsatanii fi qoramaniifis ergaa fayyinaa in labsitu.
20 Akkasumas amma, obboloota koo, ani waa’ee of-tuulummaa isinitti dubbadheera; akkasumas isin warri ollaa keessan dhiphiftan, akkasumas isa ari‘attan, isin garaa keessan keessatti waantota Waaqayyo isiniif kennetti waan of tuultaniif, isin waa’ee kanaas maal jetturee?
21 Waanti akkasii isa foon hundumaa uume biratti xuraa’ummaadha jettanii hin yaaddaniiree? Akkasumas, uumamni tokko immoo akkuma isa kaanii fuula isaa duratti gatii guddaa qaba. Akkasumas, foon hundinuu biyyoo irraa dhufe; akkasumas abboommota isaa akka eeganii fi bara baraan akka ulfina isaaf kennaniifis, kaayyoo wal-fakkaataadhaaf isaan uume.
22 Akkasumas, amma ani waa’ee of-tuulummaa kanaa isinitti dubbachuu koo nan xumura. Akkasumas, yakka hamaa tokko ilaalchisee isinitti dubbachuu kanan hin qabne ta’u illee, garaan koo sababa keessaniif gar-malee gammada ture.
23 Garuu dubbiin Waaqayyoo sababa yakka keessan isa guddaa ta’ee sanaan ba’aa ta’ee natti ulfaata. Sababni isaa kunoo, Gooftaan akkas jedha: Sabni kun jal’inaan guddachuu jalqabeera; isaan waa’ee Daawitii fi waa’ee Solomoon ilma isaa irratti isa barreeffameef, isaan sagaagalummaa raawwachuudhaaf sababa ofii isaanii kennuu barbaadaniif, isaan caaffata qulqullaa’oo hin hubatan.
24 Kunoo, Daawitii fi Solomoon dhuguma haadholii manaa fi saajjaatota baay’ee qabu turan, waanti kun fuula koo duratti xuraa’aa ture, jedha Gooftaan.
25 Kanaafuu, Gooftaan akkas jedha: ani humna irree kootiitiin sanyii mudhii Yoseef keessaa damee qajeelaa akkan kaasuuf, ani saba kana biyya Yerusaalem keessaa nan baase.
26 Kanaafuu, ani Waaqayyo Gooftaan sabni kun akka warra durii akka isaan godhan hin hayyamu.
27 Kanaafuu, obboloota koo, na dhaga’aa, akkasumas dubbii Gooftichaas dhaggeeffadhaa: Sababni isaa isin gidduudhaa haadha manaa tokko kan qabu malee dhiirri tokko illee hin jiraatu; akkasumas inni saajjatootas kan qabaatu hin jiraatu;
28 Sababni isaas ani, Waaqayyo Gooftaan, qulqullummaa dubartootaatti nan gammada. Akkasumas, sagaagalummaan ana duratti xuraa’ummaadha, jedha Gooftaan Maccaa.
29 Kanaafuu, sabni kun abboommota koo in eega, yookiin sababa isaaniitiif jecha lafti abaaramaa hin ta’a, jedha Gooftaan Maccaa.
30 Sababni isaas ani ofii kootiif sanyii kaasuu yoon barbaade, ani saba koo nan abbooma; kana ta’uu baannaan isaan waantota kana in dhaggeeffatu, jedha Gooftaan Maccaa.
31 Sababni isaas kunoo, ani, Gooftichi, biyya Yerusaalemiin keessatti, eeyyee, akkasumas guutummaa biyya saba kootii keessatti, sababii abbaa manootaa fi xuraa’ummaa isaaniitiif gadda intaloota saba kootii argeera. Akkasumas, boo’icha isaaniis dhaga’eera.
32 Akkasumas, Gooftaan Maccaa akkas jedha: biyya Yerusaalem keessaa akka ba’an kanan godhe, iyyi intaloota babbareedoo saba kanaa dhiirota saba kootii irratti ka’ee gara koo akka ol dhufuuf hin heyyamu, jedha Gooftaan Maccaa.
33 Abaarsa ulfaataadhaan hamma badiisaatti illee yoo ani isaan daawwadheen malee intaloonni saba kootii sababii gara-laafummaa isaaniitiif gara boojuutti hin fudhataman; sababni isaas isaan akka warra durii ejja hin raawwatan, jedha Gooftaan Maccaa.
34 Akkasumas amma kunoo, obboloota koo, isin abboommonni kun abbaa keenya, Lehiif, akka kennamanii turan beektu; kanaafuu, isin kanaan dura isaaniin beektu; akkasumas isin waantota silaa gochuu hin qabne waantota kana waan raawwattaniif; isin gara abaarsa isa ulfaataattis dhuftaniittu.
35 Kunoo, isin obboloota keenya warra Laamaaniin caalaa jal’ina guddaa hojjettaniittu. Isin sababii fakkeenya gadhee isaan duratti taataniif, akkasumas haadha manoota keessan warra garaa laafanis cabsitaniittu, akkasumas amanamummaas ijoollee keessan irraa dhabdaniittu; akkasumas boo’ichi garaa isaaniis isin irratti ka’ee gara Waaqayyootti ol ba’eera. Akkasumas, sababa cimina dubbii Waaqayyoo isa isin irratti gadi bu’u irraa kan ka’e, garaan namoota baay’ee madaa gadi fagoodhaan, waraanamee du’eera.