Dhuga ba’umsa Raajicha Joseph Smith
Dhufaatii Macaafa Mormooniin ilaalchisee Raajichi Joseph Smith jechoota mataa isaa kan inni dubbate kan kanatti aananii jiraniidha:
“Gaafa … Caamsaa digdamii tokkoffaa [1823] galgala irra … gad of deebisuudhaan akkasumas Waaqayyo isa hundumaa danda’u kadhachuufan of kenne. …
“Osoon Waaqayyoon waammachaa jiruu, ifti osoo kutaa koo keessatti mul’atuun arge, kunis hamma kutaan sun aduu guyyaa saafaa caalaa ifutti dabaluu isaa itti fufe, battaluma sanattis namni tokko siree koo biraan, qilleensa keessa dhaabatee, milli isaa osoo lafa hin tuqin natti mul’ate.
“Inni Uffata bal’aa adii baay’ee bareedaa kan ta’e tokko uffatee ture. Adeenyi isaas waantoota lafa irraa kan ta’an Ani arge beeku hundumaa kan caalu ture; waanti lafaa irraa kam iyyuu gar-malee adii akkasumas calaqqisee kan mul’atu akkasii kun hojjetamuu in danda’a jedhee hin amanu. Harkootni isaa, akkasumas irreewwan isaa, xiqqoo ciqileen isaa ol uffataan kan hin haguugamne ture; akkasumas, immoo, miilli isaa, akkuma miillota isaa immoo akkasumas, xiqqoo gulubii isaa irraan ol uffataan hin haguugamne ture. Mataan isaa akkasumas mormi isaas hin haguugamne ture. Uffatichi qomni isaa banaa waan tureef, uffata isa caccalaqisaa kana malee, uffata kan biraa akka inni hin uffanne, beekuu danda’eera.
“Gar-malee adii kan ture uffanni isaa qofa hin turre, guutummaan namummaa isaa kan ibsamuu danda’amu gararraa ulfina qabeessa ture, fuulli isaas dhugumaan akka balaqqeessaa fakkaata. Kutaan sun gar-malee ifa ture, garuu battalumatti naannoo nama kanaatti baay’ee ifaa hin turre. Yammuu Ani jalqaba isa ilaaletti, nan sodaadhe; sodaan sun garuu utuu hin turin na dhiisee deeme.
“Inni maqaa kootiin na waamee, akkasumas ergamaa fuula Waaqayyoo duraa gara kootti ergame akka ta’ee fi maqaan isaas Moroonii akka ta’e natti hime; Waaqayyo hojii akkan hojjedhu akka qabu; akkasumas akka maqaan koo saba hundumaa, gosa hundumaa fi afaan hundumaa biratti waan gaarii fi hamaan akka ka’u ykn namoota hundumaa gidduutti gaarii fi hamaan akka naaf dubbatamu natti hime.
“Inni Macaafni kuufamee, gabatee warqee irratti barreeffamee, jiraattota duraan ardii kanaa fi madda isaan irraa maddan ibsu tokko akka jiru dubbateera. Akkasumas, jiraatota duriitiif Fayyisaadhaan kan kennameef akka ta’e, innis guutummaan Wangeela bara baraa akka inni isa keessatti hammatamee jiru natti dubbate;
“Akkasumas, dhagoonni lama gabateewwan sanaa wajjin baattuu meetii irraa hojjetaman keessa turan—akkasumas dhagoonni kun, qoma irratti hidhamanii, Uriimii fi Tumiim kan jedhamu irraa hojjetamanii—akkasumas gabateewwan sana wajjin kan kaa’aman ta’uu isaanii; akkasumas dhagaawwan kana qabaachuu fi itti fayyadamuun bara durii durii yookaan durii keessatti ‘abbaa mul’ataa’ kan jedhaman turan; akkasumas Waaqayyo kaayyoo Macaafa kana hiikuuf akka inni ooluuf isaan kana qopheessee ture. …
“Ammas, gabatee inni dubbate sana yeroon argadhutti—yeroon isaan ittifudhachuu qabu ammallee waan hin geenyeef—Ani kanan akkan itti argisiisuuf ajajameen malee isaan kana yookaan qomee akka qaachanaa kana Uriimii fi Tumiimiin kanaa wajjin nama kamittuu akkan hin argisiisuu hin qabne; yoon kana godhee argameen garuu akkan badu natti hime. Yammuu inni waa’ee gabatee sanaa na wajjin haasa’aa turetti, iddoo gabateewwan sun itti awwaalamanii jiran arguu akkan danda’uuf, mul’ataan sammuun koo banamee ture, akkasumas kun baay’ee ifaa fi sirriitti ba’ee waan natti mul’ateef iddoocha yammuun daawwadhetti deebi’ee nan beekan ture.
“Waliin dubbii kana booddee, ifni kutaa sana keessa jiru battaluma sanatti naannoo nama isa natti dubbachaa ture sanaatii walitti qabamuu akka jalqaben arge, akkasumas naannoo isaa irraa kan hafe, hamma kutaan sun deebi’ee dukkanaa’uu, itti fufutti, yammuu, Ani battalumatti ilaalee turetti, karaan darbiinsaa kallattiidhaan gara waaqaatti banamanii, akkasumas guutummaatti hamma mul’achuu dadhabutti ol ba’e, akkasumas kutichi akka yammuu ifti waaqa irraa mul’atinii duraan tureetti deebi’e.
“Anis ciiseen waa’ee ilaalcha keessummaa kanaa of eeggannoodhaanan yaade, akkasumas ergamaan keessummaan kun waanta guddaa dinqisiisaa inni natti himeen; osoon, yaada koo keessatti ol kaasee gad buusuu, Ani akka tasaa kutaan koo ammas deebi’ee ifaa adeemuu isaa nan arge, akkasumas battaluma sanatti, ergamaan waaqa irraa sun siree koo bira jiraachuu isaa nan arge.
“Innis dubbachuu jalqabe, akkasumas ammas wantoota daawwannaa isaa isa jalqabaa irratti hojjete sana, garaagarummaa xiqqaa tokko malee dubbate; kana erga raawwatee booda, firdii gurguddaa beela, billaa fi dha’ichaan badiisni gurguddaan lafa irratti akka dhufaa jiru natti hime; akkasumas firdiiwwan gaddisiisoon kun lafa irratti dhaloota kana irratti akka dhufan naaf ibse. Wantoota kanaan wal-fakkaatan, erga natti dubbateen booda ammas akkuma kanaan duraa ol ba’e.
“Yeroo kanatti yaadni gadi fagoon sammuu koo keessatti waan uumamanii turaniif, hirribni ija koo irraa bade, waanan argees ta’e dhaga’een ajaa’ibsiifachuudhaan mo’ameen rafeen ture. Garuu waanta na dhibaa ture keessaa ammas ergamaa sana siree koo biratti argutti, akkasumas waanuma kanaan duraa irra yammuu inni irra deddedeebi’utti yookaan ibsee natti himuu isaa yeroon dhaga’u, akkasumas yammuun gabateewwan sana argadhetti Seexxanni (maatiin abbaa kootii hiyyeeyyii ta’uu isaanii irraa kan ka’e) akka ittiin sooromnuuf akka ittiin na qoruuf yaalu, of eeggachiisa naaf dabalaa ture. Innis Waaqayyoon ulfeessuu irraa kan hafe, kunis gabateewwan kana argachuu kootiin waanti biraan sammuu koo kakaasu jiraachuu akka hin qabne akkas jechuun na dhorke, akkasumas mootummaa isaa ijaaruu irraa waanta kan biraa kamiin iyyuu dhibbaan narra ga’uu akka hin qabne yoo ta’uudhaa baate isaaniin argachuu akkan hin dandeenye natti dubbate.
“Daawwannaa sadaffaa kana booda, inni ammas akkuma duraanii gara waaqaatti ol ba’ee, Ani waa’ee waanta keessummaan argee turee ammas itti yaaduu koo ittan fufe; yeroo ergamaan waaqa irraa kun yeroo sadaffaaf na biraa ol ba’etti, hindaaqoon iyye, akkasumas bari’aa akka inni jirus nan hubadhe, waa’ee waliin dubbii keenyaas galgala sana guutummaatti fudhatee akka ture nan hubadhe.
“Yeroo muraasa booda siree koo irraa ka’ee, akkuma baratames, hojii guyyaa sanaa isa barbaachisaa ta’ettin deeme; garuu, akkuma yeroo kaanii hojjechuuf yammuun yaaluutti, humna waanan dhabeef kunis hojjechuuf gonkumaa nan dandeesisneeni. Abbaan koo inni na waliin hojjechaa ture, na bira rakkinni akka jiru arge, akkasumas gara manaatti akkan deebi’u natti hime. Gara manaas deemuuf yaadan jalqabe; garuu, dirree bakka nuti turre keessaa kellaa qaxxaamuruuf yammuun ba’uuf yaaluutti, jabinni koo guutummaatti fashalaa’ee, gargaarsa malee lafa irratti nan kufe, yeroodhaafis of wal’aaleen ture.
“Jalqaba irratti waantin yaadadhu sagaleen tokko, maqaa kootiin na waamee natti dubbatu ture. Ol jedhees nan ilaale, akkasumas ergamaama duraanii ifaan marfamee mataa koo gararraa dhaabateen arge. Sana booda ammas waan halkan jalqabaa natti himee ture hundumaa natti hime, gara abbaa koo dhaqee mul’ata fi abboommii ani argadhe akkan itti himu na abboome.
“Anis nan abboomame; Gara dirree bakka abbaan koo jirutti nan deebi’e, akkasumas waan hundumaa isatti nan hime. Innis kun Waaqayyoo biraati jedhee naaf deebise, akka ergamichi na abbomettis dhaqee akkan raawwadhu natti hime. Dirrecha keessaa ba’ee, akkasumas bakka ergamaan sun gabateen itti awwaalame ture naan jedhee natti himen dhaqe; akkasumas mul’ata Ani waa’ee isaa arge adda ta’uu isaatiinis, battaluman achi ga’etti bakka sana nan beekan ture.
“Ganda Maanchistar, kutaa bulchiinsa Ontaariyoo, Niiwu Yoorkitti dhiyoo kan ta’e, tulluu bal’ina guddaa qabu, akkasumas naannoo sana jiru kamiyyuu caalaa ol ka’aa ta’e tokkotu jira. Tulluu kana gama dhihaatiin, fiixee isaa irraa fagoo kan hin taane, dhagaa guddaa tokko jalatti, gabateewwan sun, saanduqa dhagaa keessatti awwaalamanii turan. Dhagaan kun furdaa fi geengoo ta’ee gidduutti gama gubbaatiin, gara qarqaraattis qallaa ture, kutaan gidduu isaa lafa irraa ol mul’ata, qarri isaa garuu naannoon hundinuu lafaan kan uwwifame ture.
“Lafa sana ergan qoteen booda, sibiilan jala galchee ittiin ol kaasu tokkon argadhe, isas xiyyoo dhagaa sanaa jala kaa’een, humna xinnoodhanan ol kaase. Ani gara keessaas nan ilaalee, dhuguma achitti gabateewwan, Uriimii fi Tumiim, akkasumas gabatee qomee akka gaachanaa akkuma ergamaan naan jedhettan arge. Sanduuqa isaan keessa kaa’aman simintoo gosa tokko keessatti dhagaa walitti kaa’uudhaan kan tolfame. Jala saanduqa sanaa keessatti dhagaawwan lama saanduqa sana irraa qaxxaamuranii kan kaa’aman yammuu ta’u, dhagaawwan kana irrattis gabateewwanii fi wantoota kaan isaan waliin kaa’aniiru.
“Ani isaan baasuuf yaalii godheera, garuu ergamichaanan dhorkame, akkasumas yeroon isaan itti as ba’an ammallee akka hin geenye, akkasumas hin ta’u ture, yeroo sana irraa kaasee hamma waggaa afuritti akka hin geenye natti hime; garuu yeroo sanaa kaasee yeroon fudhadhu hamma ga’utti waggaa tokko boodas bakka sana akkan dhaquu itti fufu, akkasumas achitti akka na wajjin wal argu, akkasumas yeroon gabatee sana argadhuuu hamma ga’utti itti fufiinsaan akkasuma akkan godhu natti hime.
“Haaluma kanaan, Ani akkuma abbomamettis, Ani dhuma waggaa waggaan nan deeman ture, akkasumas yeroo hundumaa ergamichuma sanan achitti argadhe, tokkoon tokkoon waliin dubbii keenya keessatti waanta Gooftaan hojjechuu barbaade kabajuudhaan, akkasumas guyyaa dhumaatti sanatti haala akkamitti akkasumas haala akkamitiin mootummaan isaa akka geggeeffamuu akkasumas qajeelfamaa fi beekumsa isa irraa argachaan ture. …
“Yeroo dheeraa booddee yammuun itti gabateewwan, Uriimii fi Tumiimiin, akkasumas gabatee akka gaachanaa sanas argadhutu ga’e. Adoolessa gaafa guyyaa digdamii lamaffaa, kuma tokkoo fi dhibba saddeet fi digdamii torbaa, dhuma waggaa isa kan biraatti akkuma baratame bakka isaan itti awwaalaman ergan deemeen booddee, ergamaan waaqa irraa sun isaan kana abboommii kanaa wajjin natti kenne: kunis akkan isaan kanaaf itti gaafatamummaa fudhadhu; of eeggannoo malee, yookaan tuffii koo kamiinuu akka isaan deeman yoon godhe, Ani akkan irraa citu; garuu ergamichi akkan deebiisuufiif hamma na gaafatutti, isaaniin eeguuf carraaqqii koo hundumaa yoon fayyadame, isaan akka eegaman ture.
“Ani isaaniin eeggannoodhaan akkan ol-kaa’uuf maaliif akkan qajeelfama baay’ee cimaa akkasii fudhadhe, akkasumas waanta narraa barbadame godhee yammuun argametti isaaniin akkan isaaf deebisu, sababan ittiin gaafatamu ariitiidhaanan argadhe. Ani akkan isaaniin qabu akkuma beekameen, battaluma sanatti isaaniin narkaa fudhachuuf yaalii baay’ee guddaa ta’etu godhame. Kaayyoo kana milkeessuufis tooftaa faayidaa irra ooleera. Ari’atamni sunis isa duraa caalaa hadhaa’aa akkasumas ulfaataa ta’e, akkasumas tuutni baay’een yoo isaaniif danda’ameef narkaa fudhachuuf yeroo hundaa of eeggachaa turan. Garuu ogummaa Waaqayyootiin, hamman waan narraa irraa barbaadamu isaan biraa raawwadhutti, nagaadhaan harka koo keessatti hafan. Yammuu, akka karoorichaatti, ergamichi isaaniin fudhachuu dhufutti, Anis dabarseen isaaniin isatti kenne; akkasumas hamma har’aattis, Caamsaa guyyaa gaafa lamaa, kuma tokkoo fi dhibba saddeet fi soddomii saddeetii kaasanii itti gaafatamummaa isaa jala jiru.”
Seenaa guutuu ta’e argachuuf, Lulee Gatii Guddaa qabu keessaa Seenaa—Joseph Smithiin ilaalaa.
Galmeen bakka awwaalamee keessaa as ba’e seenaan durii akkasitti akkuma uummatni lafa irraa sagaleen dubbataniitti, akkasumas kennaa fi humna Waaqayyootiin dhugummaan isaa Waaqaan mirkaneeffamee gara afaan ammayyaatti kan hiikame, jalqaba irratti bara 1830tti afaan Ingiliffaatiin addunyaaf The Book of Mormon jedhamuun maxxanfame.