Seensa
Macaafni Mormoon jildii caaffata qulqullaa’aa Macaafa Qulqulluu wajjin wal madaalutokkoodha. Innis galmee Waaqayyo jiraattota Ameerikaa durii wajjin qabuu fi guutummaa wangeela bara baraa kan of keessaa qabuudha.
Macaafni kun raajota durii baay’eedhaan hafuura raajii fi mul’ataan barreeffameedha. Jechoonni isaanii, gabatee warqee irratti kan barreeffaman, karaa raajii seena qabeessa Mormoon jedhamu tokkoon caqafamee akkasumas gabaabfamee kan barreeffameedha. Galmeen kun waa’ee seenaa qaroomina gurguddaa lamaa gabaasa. Tokko Yerusaalem irraa kan dhufe Dh.K.D. bara 600 boodas saba lamatti gargar ba’an, isaanis warra Nefaayitootaa fi Laamanoota jedhamuun beekaman. Inni kan biraan immoo yeroo baay’ee dura yammuu Gooftaan Masaraa Baabelitti afaan namootaa waliin make dhufe. Gareen kun warra Yaareed jedhamuun beekaman. Waggoota kumaatamaan booda, warra Laamaan irraa kan hafe hundi isaanii balleeffamanii turan, akkasumas isaan abbootii warra Hindii Ameerikaa keessaa tokko tokkodha.
Taateen gurguddaan Macaafa Mormoon keessatti galmaa’e tajaajila dhuunfaa Gooftaa Yesus Kiristos, du’aa ka’uu isaan yeroo muraasa booda warra Nefaayitoota gidduutti kan inni raawwateedha. Barumsa wangeelaa in kaa’a, karoora fayyinaa in ibsa, akkasumas jireenya kana keessatti nagaa akkasumas jireenya dhufu keessatti fayyina bara baraa argachuuf maal gochuu akka qaban namootatti hima.
Mormoon barreeffamoota isaa erga xumuree booda, gabatee sana ilma isaa Morooniitti dabarsee kenne, innis jechoota mataa isaa muraasa itti dabalee akkasumas gabateewwan kana Tulluu Kumooraa keessa dhokse. Caamsaa 21, 1823, Morooniin innumti sun, yeroo sanatti uumamni ulfina qabeessi, du’a keessaa ka’ee, Raajicha Joseph Smith itti mul’atee galmee durii akkasumas hiika isaa gara afaan Ingiliffaatti hiree isaa wajjin kan wal-qabates qajeelfama kenneef.
Yeroo isaa eeggatee gabateewwan sun Joseph Smith itti kan dabarfaman yoo ta’u, innis kennaa fi humna Waaqayyootiin isaaniin kan hiike dha. Yesus Kiristos ilma Waaqayyoo isa jiraataa ta’uu isaa fi warri gara isaa dhufanii seeraa fi sirna wangeela isaaf abboomaman hundinuu akka fayyaniif dhuga ba’umsa haaraa fi dabalataa ta’ee galmeen kun amma afaan baay’eedhaan maxxanfameera.
Galmee kana ilaalchisee Raajichi Joseph Smith akkana jedhe: “Ani obbolootatti akkan himetti Macaafni Mormoon macaafa lafarra jiru kamiyyuu caalaa sirrii ta’uu isaa, akkasumas dhagaa furtuu amantii keenyaa ta’uu isaa, Macaafa kaminuu caalaas namni tokko seera isaa eeguun gara Waaqayyootti akka dhihaatu kan gargaaruudha.”
Joseph Smith’n alattis, Gooftaan namoota biroo kudha tokko gabatee warqee ofuma isaaniitiin akka arganiifi dhugaa fi waaqummaa Macaafa Mormooniin dhuga baatota addaa akka ta’aniif qopheesse. Dhuga ba’umsi isaanii barreeffamaan “Dhuga Ba’umsa Sadanii” fi “Dhuga Ba’umsa Saddeetii” jedhamanii as keessatti hammatamaniiru.
Namoonni bakka hundumaatti argaman hundinuu Macaafa Mormooniin akka dubbisan, ergaa inni of keessaa qabu garaa isaanii keessatti akka xiinxalan, achiis macaafni kun dhugaa ta’uu isaa Waaqayyoon Abbaa Bara baraa maqaa Kiristosiin akka gaafatan in hafeerra. Warri daandii kana hordofanii fi amantiidhaan gaafatan humna Hafuura Qulqulluutiin dhugaa fi waaqummaa isaaf dhuga ba’umsa in argatu. (Moroonii10:3–5 ilaalaa.)
Warri dhugaa ba’umsa waaqummaa kana Hafuura Qulqulluu irraa argatanis humna wal fakkaatuun Yesus Kiristos Fayyisaa biyya lafaa ta’uu isaa, Joseph Smith bara dhumaa kana keessatti abbaa mul’ataa fi raajii isaa ta’uu isaa, akkasumas Waldaan Yesus Kiristos Qulqulloota Guyyaa Boodaa mootummaan Gooftaa ammas lafa irratti kan hundeeffame, dhufaatii Masihichaa Lammaffaatiif qophaa’uudha isaa in beektu.