Caaffata qulqullaa’aa
Ibsa Gabaabaa waa’ee Macaafa Mormoon


Ibsa Gabaabaa waa’ee Macaafa Mormoon

Macaafni Mormoon galmee qulqulluu ummatoota Ameerikaa durii yoo ta’u, gabateewwan sibiilaa irratti kan bocame ture. Maddoonni galmeen kun irraa qindaa’e kanneen armaan gadiitti argamu:

  1. Gabatee Nefii, isaanis gosa lama kan turan: gabateewwan xixiqqaa fi gabateewwan gurguddaa. Keessumattuu isa jalqabaa irratti kan barreeffame waantota waa’ee dhimma hafuuraa akkasumas tajaajilaa fi barsiisa raajotaaf kan kennaman yammuu ta’u, warri boodaa baay’inaan (1 Nefii 9:2–4) saboota jiran seenaa biyya lafaa ilaalchisee kan barreeffame ture. Ta’us garuu, bara Mozaayyaa irraa kaasee, gabateewwan warri gurguddaan sun wantoota hafuuraan barbaachisummaa guddaa qabanis of keessatti kan hammatan turan.

  2. Gabateen Mormoon, kan yaadota baay’ee wajjin, gabateewwan Nefii warra guguddaa irraa, Mormooniin gabaabbatanii kan barreeffaman of keessatti qabatee jira. Gabateewwan kun dabalataan itti fufiinsa seenaa Mormoon fi dabalata ilma isaa Morooniis of keessatti qabataniiru.

  3. Gabateewwan Eeterii, kanneen seenaa warra Yaareediin dhiyeessaniidha. Galmeen kun Moroonii dhaan kan gabaabfameedha, innis yaada mataa isaa itti dabalee galmee sana seenaa walii galaa wajjin mata duree “Macaafa Eeterii” jedhu jalatti kan hammatameedha.

  4. Gabateewwan sibiila Diimaa saba Lehiitiin Yerusaalem irraa bara 600 Dh.K.D. kan dhufaniidha. Isaan kun “macaafota Musee shanan, … akkasumas immoo seenaa Yihudootaa jalqaba irraa kaasee, … hamma jalqaba mootummaa Zedeqiyaas, mooticha Yihudaatti; akkasumas immoo raajiiwwan raajota qulqullootaa of keessatti qabatu” (1 Nefii 5:11–13). Gabateewwan kana irraa luqqisiiwwan baay’een, Isaayaas fi raajota Macaafa qulqulluu kan biroo akkasumas raajota Macaafa qulqulluu irraa hin taane kan biroo caqasuudhaan, Macaafa Mormoon keessatti yammuu eeraman in mul’atu.

Macaafni Mormoon, Macaafota jedhamanii kan beekaman, tokko irraa kan hafe, kutaalee ykn qoqqoodinsa gurguddoo kudha shan kan of keessaa qabuudha. yeroo baay’ee maqaa barreessaa isaanii isa guddaatiin kan isaan moggaafaman. Kutaan inni jalqabaa (Macaafota ja’an jalqabaa, Oomniin kan xumuramu) gabateewwan xixiqqaa Nefii irraa kan hiikamaniidha. Macaafa Oomnii fi Mozaayyaa gidduutti kan gale kun Dubbiiwwan Mormoon kanneen jedhamantu jiru. Gidduutti kan gale kun seenaa gabateewwan xixiqqoo irratti bocaman seenaa Mormoon gabaabse isa guddaa wajjiniin wal qabatu.

Kutaa inni dheeraan, Mozaayyaa irraa kaasee hanga Mormoon boqonnaa 7tti, gabateewwan Nefii warra gurguddoo irraa isa Mormoon gabaabse irraa kan hiikamee dha. Kutaa inni xumuraa, Mormoon boqonnaa 8 irraa kaasee hammaa dhuma macaafa kanaatti, ilma Mormoon Morooniin kan bocaman turan, innis seenaa jireenya abbaa isaatii erga galmeesseen booddee, seenaa warra Yaareediin gabaabsee (akka Macaafaa Eeteritti) barreesse booda itti dabalamanii kutaalee Macaafa Moroonii jedhamuun beekaman.

Bara yookaan naannoo Dh.K.B. 421, Morooniin, raajii-seenaa qabeessaa Nefaayitoota keessaa inni dhumaa, raajota durii keessaan akkuma raajame, sagalee Waaqayyootiin guyyaa boodaatti akka as ba’uuf, galmee isa qulqulluu sana mallattoodhaan cufee Gooftaadhaanis akka eegamuuf dhokse. Bara Dh.K.B. 1823tti, Morooniin kun, yeroo sanatti namni du’aa ka’e, Raajicha Joseph Smith daawwatee, boodarra gabateewwan irratti bocame sana isaaf kenne.

Waa’ee maxxansa kanaa: Fuulli mata duree jalqabaa, battalumatti fuula ittiin baafata dura jiru, gabatee irraa kan fudhatame akkasumas qaama barreeffama qulqulluu kanaati. Seensi isaa akkataan barreeffama isaa qubeewwan hin qaqal’atin kan barreeffameedha, kannen akka 1 Nefii fi kallattiidhumaan Mozaayyaa boqonnaa 9 duraa, akkasumas qaama barreeffama qulqulluuti. Seensi isaa qubee akkaataa barreeffama qaqal’aa furdaatiin kan barreeffaman, kanneen akka mata duree boqonnaawwannii, barreeffamichaaf isa jalqabaa osoo hin taane garuu isaan dubbisuuf akka mijatuuf gargaarsa qo’annoo kan of keessatti hammateedha.

Maxxansoota Macaafa Mormoon isa afaan Ingiliffaa darban keessatti dogoggorootni xixiqqoon tokko tokko barreeffamicha keessatti walitti fufiinsaan dhufaa turaniiru. Maxxansi kun maxxanfamuu isaan dura barreeffamoota qabuu akkasumas karaa raajicha Yooseef Ismiiziin kan sirreeffaman maxxansoota warra gulaalamee wajjin akka wal-simu gochuuf waantoota barbaachisoo ta’an itti fufsiisaani.